Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeriyaa Kaaba Dhihaa Keessatti Barattonni Butamuun Gabaafamee Jira 


Naayjeriyaa Kaaba dhihaa keessatti barattonnii 94 fi hojjatonni 8 eega butamanii booda ijooleen 3 du’u ibsamee jira.

Waraanni biyyatti ibsaa baaseen kanneen gocha butuu kana gaggeessan keessaa tokko ajjeesuun haga ammaatti barsiisoota 8 fi barsiisoonni 3 baraarsanii jiru.Naayjeriyaa gama kaabaa keessatti dhuma bara 2020 kaasee namoota butuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafachuun kan baratamee yoo ta’u mootummaan rakkoo dinagdee uumamee furuuf seeraa fi sirna eegsisuuf tattaafataa jira.

Ijoollee butaman keessaa durbii 2 fi dhiirrii 1 du’anii kan argaman yoo ta’u isaan keessaa lama rasaasaan miilla isaanii irra rukutamanii akka ta’e daayreekteerri kooleejii mootummaa kan ganda baadiyyaa Birniin Yauri Mustafaa Yusuuf ibsanii jiru.

Kanneen barattoota kana butan ijoolleen dahatanii bosoona keessa kan jiran yoo ta’u bilbila harkaa kan kan barattootaan maatii isaaniif bilbiluun gadhiisuu isaanii dura Doolaara 164,000 akka kennaiif gaafachuu isaanii aangawaan kun ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG