Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nama 100 oli dhiyoo tana Booranaa qabanii ‘leenjiif Xollaayittiin' dabran keessaa tokko Diida Jaaroo, nama dhibamee ciisu Eelwayyee qaban


Nama 100 caalu 'leenjiif' dhiyoo tana Xollaayitti ergan keessaa tokko Diida Jaaroo dhibamee ciisu manaa qabanii dabraniin
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:28 0:00

Bulchiinsii godina Booranaa karooruma mootummmaa cehumsaa 'hubannoo walii kennuuf itti jiruun leenjiif walti qaban jedha.

Maatiin nama irraa qaban ammoo nama isaaniituu eessatti akka hidhan hin beekan namii hagii qaban hagii guddaan nama baaddiyaatii aanaalee Booranaa keessaa nama 5-10 walti qaban.

Namii akka jaarsaatti Yaaballoo leenjii tanaaf jedhaniif qaban tokko Huqqaa Dooyyoo, abbaa ijoollee afuriiti.

Akka intaltii isaa Sootii Huqqaa VOAtti himtetti akka innii womaa keessa hin jrree onaa fi ollaatti beekaa.

Namii dhibiin aanaa Eelwayyee ganda Gooroo-Hara-Gurraachaa baaddiyaa qaban.

Nama 100 oli 'leenjiif' dhiyoo tana Booranaa gara Xollaayiitti fa'an keessaa tokko Diida Jaaroo
Nama 100 oli 'leenjiif' dhiyoo tana Booranaa gara Xollaayiitti fa'an keessaa tokko Diida Jaaroo

Footoo tana Ebla 2,2019 isaa hospitaala Yaaballootti kaasan.

Akka obboleettiin Diidaam,Elemaa Jaaroo jettetti Diidii marrimaan fulaa sadiitti citeef wallaanachaa bahe siree keessaa qaban.

”Diidii ijoollee raabaatii dhiyoo gurra urate.Nama gogaa jiidhaati. Waan qabaniif hin beennu.Bulchiinsa gadnaatii fi aanaatti qabe."

Maatiin isaa gara innii jiruu fi waan inni keessa jirullee hin beekan.“Yoo qabaniiyyuu oli ejjuu hin dandahu.”

Suniin duratti akka maatiin isaa jedhutti bulchiinsii naannoo 'Diidii nu doorsisa' jedhanii asiin durattu akka malee siree keessatti dhaanan.

Eelwayyee keessaa akka warrii lafaa jedhutti Diida fi nama 8 waliin qabanii leenjii jedhanii oli fa'an.

Namii dhibiin isa waliin qaban akka obboleetiin Diidaa jettutti Jaarsoo Haasummaa ka dhiba garaa qabu.

Dubuluqi

Hidhaa dhiyoo tana aanaa Dubuluqi keessallee torbaan lamaan duratti nama hedduu qaban.

Barataan kutaa sagalii maqaa himachuu hin fedhin ka 'Shanee waliin jirtan' jedhani nu qaban jedhe waajjira poolisii Dubuluqiitti guyyaa afur hidhamee.

Tantoomuu na dhaanan kopheen lafatti na dhidhiitan.Poolsiitti akkana na dhaane."

Warrii Dubuluqi akka jecha barataa kanaatti bulchiinsa dansaa qabaachuu fedha, akka gibirii ummata irraa diqqaatu fedha.

Hidhaan Booranaa tun eegii waraanii ABO fi mootummaa torbaan lamaan duratti achitti wal hadhe gula dhufe.

Akka barataan maqaa himachuu hin fedhin kun jedhetti eegee ammoo bulchiinsii ummatatti gadi bu’ee warra lafaatiin wal mari’atee waan walii hin galinillee wal hubatee "amma laftii nagaa."

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG