Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Nama To’annaa Jala Oolee Dararuu Heera Biyyattiitu Dhorka" Prezidaantii Mana Murtii Walii-galaa Oromiyaa


Polisii fi Abukaatoon wali-wajjin yakka qorachun, yeroo gabaabaa keessatti murtii kennuuf gargaara, jedhu presidaantiin mana-murtii walii-galaa Oromiyaa Obbo Taaddelee Nagishoo.

Oromiyaa keessatti yakki raawwatameera, jedhame yoo odeeffannoon qaama dhimmi ilaalu dhaqqabe, dur qorannaa kan gaggeessu poolisii ture, kan jedhan prezidaantiin mana-murtii waliigalaa Oromiyaa, obbo Taaddelee Nagishoo, yeroo dhiyoodhaa as garuu, polisiin abukaatoo waliin taa’ee qorannoo akka gaggeessu tasisamee jira, jedhu.

Faayidaa kun argamsisuus ennaa ibsan, “polisiin yeroo fudhatee eega qoratee booda,dhimma isaa abba-alangaatti dabarsa, abbaan-alangaa immoo sana booda galmee jiru jalqabaa kaasee qoratee dhiyessaa waan tureef, sun immoo dhimmi lafa irra harkifatee akka yeroo gabaabaa keessatti fala hin arganne akkasumas,sirni haqaa amantaa uummataa akka hin horanne taasisee ture” jedhan obbo Taaddeleen.

“Namni kam iyyuu barnoota seeraa fi dandeetti qaba taanaan, dorgomee Abba seeraa ta’ee hojjachuuf mirga guutuu qaba” jedhanii, kanas ka filatee caffee mootummaa Oromiyaatti dhiheessu, Gumii Bulchiinsa Abboota seeraati, kanaaf ‘namoota mootummaa ykn paartii biyya bulchaa jiruuf amanamoo ta’an qofatu, filama’ jechi jedhu dhugaa irra kan fagaate,” jedhan prezidaantiin Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa, Obbo Taaddelee Nagishoo.

“Himannaan tokko sadarkaa oromiyaa ykn Federaalaatti ilaalmuuf murteessaan qaama himannaa dhiyeessu qofa,” kan jedhan, obbo Taaddeleen, nama to’annaa jala oolee dararuun, dhorkaa ta’uun heera biyyatti irra ka’ameera, jedhan.

Walumaagala, Oromiyaa keessatti namni to’annaa jala oole sa’a 48 keessatti seera duratti dhiyaatee, sana booda, dhimmi isaa baatii 3 keessatti xumura argata” jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan, prezidaantiin Mana-murtii Walii-galaa Oromiyaa, Obbo Taaddelee Nagishoo.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG