Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namonni Teeksaas Keessatti Iggitamanii Turan Gadhiifamanii Jiru


Mana amantii Jushootaa fu Teeksaas Amerikaa , Amajjii 16, 2022, Kolezviil Teeksas
Mana amantii Jushootaa fu Teeksaas Amerikaa , Amajjii 16, 2022, Kolezviil Teeksas

Mana amantii Jushootaa isa kutaa Teeksaas Amerikaa keessatti namoota iggitamanii jiran kan ilaaleen qorannaa gaggeeffamaa jiruun, namnii lama Dilbata kaleessaa galgala hidhamuu polisiin Briteen beeksisee jira.

Polisiin Greetar Maanchastar ibsa baaseen, Manchastar Kibbaa keessatti dargaggonni lama kan hidhaman yoo ta’u, gaaffii qabaman.Himata dabalataa irratti dhiyaachuu malu kan ilaaleen waan jedhame hin jiru.

Angawoonni Yunaaytis Isteetes Dilbata kaleessaa ganama akka jedhanti, lammii Briteen kan umriin isaa 44 Maliik Feeysal Akram namoota 4 bakka amantii Beete Israa’eel jedhamu isa Foort Woorz Teeksaas keessatti iggitee ture.

Jajjabeen nageenya biyyaa kabajsiisan gamoo sana cabsanii hanga seenanti, namoonni sa’atii 10f iggitamanii turan.Kanneen iggitaman martii walaba kan ba’an yoo ta’u, gareen tika nagaa biyyooleessaa (FBI) Akraamiin ajjeesan.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin hojii jajjabeessaa ta’e kan gareen nageenya biyyaa fudhateef galateeffatanii, gochi gosa irratti hirkachuun gaggeeffamu fi bifa haleellaan gaggeeffamuu akkasii obsaan hin ilaalamuu jedhan.

Namoota kana iggituun maaliif akka barbaachise guyyoota dhufan kana keessa baruuf jirra jedhan Baaydiin.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG