Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni 9 Kaameruun Keessatti Butamanii Turan Deebifaman


Waraanni Kaameruun, namoota hidhannoo hin qabne yoaan siiviloota sagal, kanneen hidhattooota uummata Afaan Ingilizii dubbatu biyyattii keessaa adda-baasuuf lolaniin gara baatiilee lamaaf qabatamanii turuu isaanii dubbatae gad-lakkisiisuu dubbata.

Namoota gad-lakkisaman sana keessaa tokko tokko, riphee-loltoota sanaan daramuu, gurraawanii fi quboonni irraa ciramuu himatan.

Namoonni baay’een har’a jarreen gad-lakkisaman sun firoota isaanii yoo tahan adda-baafachuuf, mooraa waraanaa magaalaa uummata Afaan Ingilizii dubbatuu – Bameendaa keessa jirutti walga’anii turan.

Namoonni butamanii amma gad-lakkisaman kun umuriin isaanii 16 fi 27 gidduu tahuu dubbata, waraanni Kaameruun.

Riphxeeloltoonni sun garuu, miidiyaa hawaasummaa irratti deebii kennaniin, kan namoota sana bute yakkamtoota malee nu miti, jechuun haalan. Mootummaan deebii isaanii fudhatama hin laanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG