Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Prezidaant Traamp Waliin Hojjetan Malaammaltummaan Himataman


Michael Cohen, Donald Trump,Paul Manafort

Michoota prezidaant Donald Traamp kan turan namoonni lama yakka cimaa ta’een himatamanii balleessaan itti muramee jira. Yeroo Traamp prezidaantummaaf dorgomaa turan hoogganaa duula filannoo kan turan Paul Manafort, herrega baankii fi dilaala kaffaluu irratti waliin dha’aniiru jedhamuun himannaa saddeetiin balleessaan itti muramee jira.

Abukaatoon dhuunfaa kan Traampii fi michuu isaanii kan turan Michael Cohen immoo yakka saddeet irratti dhiyaateef balleessaa isaanii amamaniiru.

Dhimmi Choen fi Manafort namoonni naannoo Traamp jiran malaammaltummaa keessaa harka qabaachuu isaanii mul’isa. Abukaatoo Traamp kan turan Cohen baankii ilaalchisee akkasumas dilaala kaffaluu akkasumas duula filannoo waliin maallaqa wal qabate ilaalchisee seera cabsuu dhaan balleessaan kan isaanii ta’uu amananiiru.

Itti aanaa abbaan alangaa US Robert Khuuzaamii himannaaleen kun hedduu cimaa dha jedhan. yeroo dheeraa dhaaf ittiin hojjetamaa kan ture mala kijibaa fi haqi itti hir’ate jedhaniiru.

Namoonni Prezidaant Traamp Waliin Hojjetan Malaammaltummaan Himataman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:47 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG