Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooraa Baqataa Affaar Keessatti TPLF Tarkaanfii Fudhate Jedhameen Kanneen Du’an Keessaa Reeffi Hangi Tokko Hin Argamin Hafuun Gabaasame


Waraansa jalaa dheessanii Affaar mooraa baqataa Galiikoomaa keessa dahatanii kanneen turan namoota nagaa irratti TPLF tarkaanfii fudhate jedhameen kanneen du’an namoota 200 keessaa reeffi namoota 50 hanga yoonaa hin argamin jiraachuu mootummaa naannoo Affaaritti waajjirri dubartootaa fi daa’immanii beeksisee jira.

Aanaa Guleenaa naannoolee Keyaaloo Keloonnaa Gettaa irraa namoonni qe’ee irraa buqqa’an kuma soddomni keessa dahatanii kan jiran mooraan baqataa guyyaa ja’a dura halkan meeshaa gurugddaa TPLF irraa dhukaasame jedhameen namoonni kun du’uun ibsamee jira.

Ijoollee, dubartoonnii fi maanguddoonni haleellaa kanaaf saaxilaman jechuu dhaan itti gaafatamtuun waajjirichaa VOAf ibsaniiru. Kanneen lubbuu dhabanitti dabaluu dhaan namoonni miidhaan hamaa fi salphaan irra ga’e Dubbittii keessatti kanneen wal’aansa fayyaa argataa jiran heduu ta’uu illee ibsaniiru.

Itti aanaa komiishinerri mana sirreessaa naannoo Mohammed Ahimed, naannoo Yaalootti ka’e kan jedhan walitti bu’iinsi waraanaa gara naannolee Golee fi Awuraanaa Gubaatti babal’ate jedhan.

Mooraa baqataa Gaalikoomaa keessa kanneen jiran baqattoota 30,000 nyaachisuuf midhaan walitti qabame gubateera, buqqaatota irraanis dhiibbaa kaa’ee jira. Harmooliin ulfaa walitti bu’iinsa sana jalaa dheessaa turan karaatti da’anii jiru. Haleellaa waraanaa fi weerara raawwate kan ittiin jedhan TPLF qabeenyaa saamuu kan dubbatan komiishinerichi, keessumaa daa’immanii fi harmooliin miidhaa haleellaa sanaatiif kan saaxilaman ta’uu mirkaneessanii jiru.

Keessumaa magaalaa guddoo naannoo sanaa Semeraa irraa fageenya km 150 irratti kan argamu mooraan baqataa Gaalikoomaa amma iyyuu godinaa balaan keessatti raawwatamaa jiru kan ta’uu kan ibsan komiishinierichi, buqqaatota kana gara haala nageenya qabuutti ceesisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Walitti bu’iinsi sun erga ka’ee jalqabee qubsumni bakka sagalitti qophaa’ee akka keessa qubatan ta’uu ragaan hooggana naannoo biraa ba’e ibsee jira. Dubbi himaan TPLF obbo Geetaachoo Reddaa fuula tweeter isaanii irratti ergaa dabarsan jedhameen xumura baatii Adoolessaa irra waraanni mootummaa Gaalikoomaa irratti haleellaa raawwatee akka ture ibsanii, kuusaa midhaanni keessa tuulamee ture humnoonni mootummaa gubuu isaa ibsanii jira.

Kan oduu Al Jazeeraan dhiyaate hiikee dhiyeesse maaybaasiin oduu Itiyoopiyaa immoo gareen TPLF naannoo Affaar keessatti ijoollee 103 dbalatee namoota qe’ee ofii irraa buqqa’anii mooraa keessa dahatanii turan ajjeese jechuun glaeessa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG