Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Wabiin Akka Ba’aniif Murteeffame Irratti Ol Iyyannaan Dhiyaatee Jira 


Daayreekteera tajaajiila Tikaa fi odeeffannoo duraanii Obbo Geetaachoo Asaffaa jalatti namoota himatamanii turan keessaa 20 wabiin akka gadhiifaman kan murtaa’ee deemsa mana mutii fi falmii yeroo dheeraaf gaggeeffameen malee murtii siyaasaa akka hin ta’iin abuukaatoo himatamtootaa keessaa tokko Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Gaaffii wabiin gadhiifamu kan dhiyaatees Sadaasa 30 bara 2014 ta’u abukaatii Yoseef Kiroos jedhaman ibsanii jiru.

Murtii siyaasaa ituu ta’eera ta’e manni mutii gad aanuu wabiin akka gadhiifamaniif murtii kennee abbaan alangaa hin mormuu ture jedhan.Ol-iyyannoo abaan alangaa dhiyeessee hundee godhachuun falmii gama lamaanii dhaggeeffachuuf manni murtii walii galaa Guraandhala 7 murtii kennuuf bellama qabachuu isaa obbo yoseef ibsanii jiru.

Raadiyoon sagalee Amerikaa torban kana kan haasoofsisee de’etaan ministeera Haqaa obbo Faqaaduu Ysegaa murtiin wabiin akka ba’an kennamee kun, kan mootummaan dhiyeenya kana ifa taasisee tarkaanfii himata addaan kutuu waliin hidhata kan hin qabnee fi ol iyyannaan kan irratti dhiyaate ta’u ibsaniiru jechuun Iskindiir Freew Finfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG