Wal waraansa Sudaan keessatti guyyoota Kudhanii oliif tureen namoonni baqatan karaa daangaa Itiyoophiyaa magaalaa Matammaa seenaa jiraachuu Jaarmayaan baqqattoota Idil-Addunyaa himeera.
Sababa Wal waraansa Sudaan keessaan guyyoota Shanan darban keessatti baqattoonni karaa Matammaa gara Itiyoophiyaatti seenanii dabalaa jiraachuu Jaarmiyaan dhimma baqqattootaa Idi-Addunyaa IOM beeksiiseera. Ebila 21 hnaga 25 tti Lmmiileen biyyoota 35 ol baay’inni isaanii 3500 Sudaan irraa baqachuun daangaa Itiyoophiyaa erga seenaniin boodaa Magaalaa Matammaa ga’uu isaanii Itiyoophiyaatti dubbii himtuun jaarmayaa godaantoota Idil-Addunyaa kan ta’an Kaye Vriay VOA tti himaniiru.
Namoota Gara Itiyoophiyaatti seenan keessaas baay’inaan yommuu ilaalamu sadarkaa 1ffaan lammiilee Tarkii , sadarkaa lammaafaan lammiilee Yuugandaa, Sadarkaa sadaffaan Lammiilee Itiyoophiyaa , sadrkaa Afrafaan Lammiilee Somaaliyaa fi kan itti Aanu Lammiilee lammummaa Sudaan fi Chaayinaa qaban ta’uus ibsaniiru Itiyoophiyaatti dubbii himtuun Jaarmiyaa Godaantoota Idil Addunyaa . Itti dabaluunis haga ammaatti Imbaasiiwwaan biyyoota baay’eerraa gaaffiin isaaniif akka dhiyaataa jiru himuun namoota karaa daangaa Sudaaniin gara Itiyoophiyaatti seenan 700 ta’aniif gara biyyoota isaaniitti geejbisiisuuf jirra jedhaniiru.
Gama biraanimmoo akka gabaasa Jaarmiyaa baqqatoota Idil Addunyaatti lammileen Sudaan sababaa wal waraansaan daangaa biyya ollaa Chad tti baqanii jiran 20,000 dhaqqabuu beeksiseera. Lammileen Sudaan Chad ga’an kunis buufata baqqattootaa Koofruunee tti walitti qabamuu ibsuun wrra buufaticha qaqqaban keessaa daa’immanii fi dubartoonni akka baay’atan Ejeensiin dhimma baqqattootaa idil addunyaa beeksiiseera.
Forum