Balaa qirqira Lafaa reekter Skeelii 6.6 gahuu Roobii har’aa Neeppaaliin rukuteen yoo yarate namoonii jaha du’anii, anaa lixa Dootii jedhamuu keessatti manoottan heduun mancaa’aniiru. Balaan kun magalaa guddichaa Indiyaa New Delih roqomsiisuun isaas beekameera.
Namoonii balaa Kanaan mannoottan irratti jiganii madaa’an Shan garaa hospitaalaatii kan geessaman yoo ta’au, akka dubbii himaan waraanaa Neeppaal jedhanitti gareewwan lubbu baraartootaa bakka balichii qaqqabetti bobba’anii jiru.
Neeppaal balaa Qiriqra lafaa bara 2015 umame namoottan kum Sagal galaafatee irraa amma iyyuu ittu hin dandamatin jirti.
Balaan sunu magaalootaa, siidaawwan fi bakkeewwaan amantaa seenaa qabeesaa ta’an barbadeesee diinagdee biyyatti irratti hirdhinaa doolaaraa Biiliyoonii 6 geessisuun isaa gabaasameera.
Forum