Ministiroonni dhimma alaa kan Neetoo(NATO) Roobii har’a Biraasels keessatti walga’uu jedhamee eegamu, yaada maallaqa waraana Yukireen deeggaruuf ooluu, doolaara biiliyoona 100 walitti qabuuf dhiyaate irratti ni mari’atu jedhamee eegama. Karoorri barreessaa olaanaa Neetoo Jeens Stooltenbargiin dhiyaate kun gargaarsa waraanaa biyyoota miseensa ta’aniin kennamaa jiru qindeessuun Neetoon kallattiin akka itti hirmaatu gochuus kan dabalatu yoo ta’u gaheen kun gamtaa biyyoota 50 ol kan qabuu fi Yunaaytid Isteetiin durfamuun dha.
Yaada kana irratti murtiin dhumaa hanga hoggantoonni biyyoota miseensoota Neetoo baatii Adooleessa dhfu keessa walga’anitti eegama. Marii Biraasels kana dura, Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteeis Antonii Bliinken, Kongireesiin Yunaaytid Isteetis gargaarsa waraanaa Yukireeniif kennamuu akka gadhiisu waamicha isaanii irra deebi’uun dhiyeessanii jiru.
“Yeroo murteessaa lammiileen Yukireen ofirraa ittisuuf waan itti fufinsaan argachuu qabaniif murteessaa ta’e keessa jirra, keessumaa yeroo meeshaa waraanaa fi ittisa qilleensaa ilaalchisee,” jechuun Bliinken Kibxata kaleessaa ministeera Ittisa Faransaay waliin yeroo dubbatanitti ibsanii jiru.
Kongireessiin gaaffii baajata dabalataa bulchiinsi Baayiden kan humna waraanaa Yukireen deebisuun dhiyeessan kan gargaarsa kennuu fi biyyattiin haleellaa Raashiyaa ofirraa ittisuuf gargaaru ammallee hin raggaasifne. Baayiden, Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa kan Rippabilikaanotaan durfamu gargaarsa waraanaa fi maallaqaa akka raggaasisu gaafataniiru. Rippabilikaanonni mana maree keessaa immoo, dhimmoota biyya keessaaf dursa kennuudhaan ji’ootaaf tarkaanfii fudhachuu irratti harkifataniiru.
Forum