Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niijeer Keesatti Barattonni 25 Balaa Abiddaatin Du'an


Nijeer gama kibbaa keessati Wiixata kaleessaa, Ijoolleen baruumsa sadarkaa duraa barataa ituu jiranii bantii daree citaa irraa ijaaramee ibiddi qabatee yoo xiqqaate 25 ajjeefamuun ibsii ba’e hubachisee jira.

Ijooleen ka biroon 14 kan mada’an yoo ta’u, isaan keessaa 5 haala lubbuuf sodaachisuu keessa jiru jedhamee jira.Manni barumsaa kun magaala Maraadii keessatti kan argamu yoo ta’u,kunis magaalaa galma mootummaa biyyatti irraa fageenya kilo meetra 600 irratti argama.

Ammatti Abiddii kun eessaa akka ka’e ibsuu hin dandeenyu jedhan aangawaan barnootaa kan kutaa snaa Manaan Hidii.Barnoonnii addaan citee guyyaan 3 gguyyaa gaddaa jedhamuun labsamee jira.

Waggaa kana keessa Niijeer keessaatti Abiddi barattoota ennaa ajjeesuu kun isa lammataa ta’uu isaati.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG