Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nyaatanii Buluu moo Dimookiraasii?


Guutummaa Addunyaa irratti uummatni beela’ee garaa duwwaa ciisu Miliyoona dhibba lama. Namoota akkanaa nyaataan of dandeessisuun karaa danada’amu irratti, hoogganoonni Addunyaa Kora G-8f, dhuma torban dabree as Waashingtonitti walga’an, mari’ataa turan.

Keessumaa lammiwwan Afrikaa nyaataan akka of danda’an oomisha qonnaa ol kaasuu - yada jedhu irratti walii-galan hirmaattonni kora kanaa. Kanneen kroa biyyoota Addunyaa duureyyii - G8 jedhamuu kanatti afeeraman, Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa, Melles Zeenaawii dabalee hoogganoonni biyyoota Afrikaa afurii waa’ee imammatoota qonnaa biyya biyya isaanii keessatti jijjiirama fidanii fi rakkoolee wabii nyaaataa isaan mudatan irratti ibsa kennanii jiran.

Dhimmi ilaalchi guddaan itti kenname tokko qooda hojiin dhuunfaa qabaatu. Hariiroo fi wal-gargaarsi Mootummaa fi dhaabbatoota daldala dhuunfaa gidduu jiru, wabii nyaataa Afrikaa keessaa mirkaneessuuf akka ijoo tahetti fudhatame. Dhaabbatoota dhuunfaa wajjiin wal-gargaaruun daldalaa fi qonnaa walitti hidhuun barbaachisaa tahuu hubachiisan, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Melles Zeenaawii.

Walitti-hidhachuun yokaan wal-gargaaruun hojjechuun faayida-qabeessa tahuu Ministarittiin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Hilarii Kilinton illee dubbatanii jiran. Tahus, wanna jabeessanii aeekkkachiisan qaban. Kaampaaniileen alaa lafa kireeffatanii qonnaatti bobba’uunis tahe kanneen mi’awwan qonnaa gargaaran lammiwwan biyyaa qabatanii malee qabeenyaa lammiwwan biyyaa fudhatanii tahuu hin qabu. Toorri daldala dhuunfaa, hojii fi jireenya qonnaan-bultoota qabiyyee xiqqoo qabanii fooyyessee, martinuu akka faayidaa argatu gochuu qaba. Yoo qonnaan-bultoonni oomishan daldallis ni dadammaqa, jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG