Xurree ittiin seenan

Breaking News

IS-tti Duuluuf Ameerikaan Waraana Lafoo Hin Ergitu Jedhan Obaamaan


Prezidaantiin Ameerikaa Baaraack Obaamaan haleellaaleen paaris keessatti raawwataman suukaneessaa dha jechuu dhaan garuu loltoonni lafoo lammiiwwan Ameerikaa leellistoota giddu galeessa bahaatti duuluuf kan hin ergamne ta'uu cimsanii dubbatan.

Xumura gumii G-20 Turkii keessatti geggeessame irratti Obaamaan haasaa dhageesisaniin halellaa United States qilleensa irraan Iraaq fi Siiriyaa keessatti geggeessite deggeruu dhaan loltoota naannoo sanaa kanneen lafoon duula IS irratti geggeessan gargaaruuf jedhan.

Obaamaan akka jedhanitti lootee sentota IS kanneen Siiriyaa keessaa kan weeraran loltoota kuma 50 erguu dandeessi. Garuu tarsiimoon kun shororkeessonni kanneen biroon giddu galeessa bahaa ykn Asia kibba gama bahaa keessatti sodaa uumanii ennaa jiran kanatti US dhaabbataan Siiriyaa keessatti yoo bobbaate malee hin hojjetu. Waantin gochuu hin feene jedhan Obaamaan siyaasaaf akka toluuf tarkaanfii fudhachuu ykn duuchaa dhumatti Ameerikaan cimtuu ykn ofii koo akka cimaatti fudhachuu dha.

Ameerikaaf eegumsa gochuuf waan barbaachise mara ni goona. Tarsiimoo nuti hordofnus sirrii dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG