Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obsii Dr.Nagaasoo waan hedduu nama barsiisa "tanuma keessa argaa-dhageettii Oromoo barreessaa jedhee nama gorsa"


Akka Dr Gammacuun jedhutti obsii pirez.Nagaasoo ijoollee lafaa dhftu waan hedduu barsiise
Akka Dr Gammacuun jedhutti obsii pirez.Nagaasoo ijoollee lafaa dhftu waan hedduu barsiise

Akka hariyootii isaa jedhanitti Pirezid.,Nagaasoon waan dhugaaf falmeef hiyyoome "huji irraa bu'ee taaksiin deema"
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:55 0:00

Pirezidaantiin Itoophiyaa ka durii,Dr., Nagaasoo Gidaadaa Soolan nama waan heduun himan.Amma fulaa dhugaa jira. Bara Hagayya 22,1995 – Onkololeessa 8, 2001.

Guyyaa 10n duratti fuluma wallaansaaf dhaqe Jermenitti ganna 75essootti lubbuu dhabe.

Ganna 45 caalaa siyaasaa Itoophiyaa keessa waan akka akkaatiin hojjachaa bahe. Gara bara 2014 siyaasaa keessaa bahe. Tokko dhiba itti dedeebi’uuf kanaaf garanaa garas deemuu dadhabee jedha.

Ka lammeesoo ammoo wanni guddoo siyaasaa fi bulchiinsa ijoollee daragaggootiif dhiisuuf jedhee siyaasaa dhiise.

Dr., Nagaasoon siyaasaa tanatti dhugeeffata “mirga keenna otuu hin sarbamsiisin,hin dhabin ka wa warra biras otuu hin tuqin tokkummaa dimokiraasummaa uummannee jiraacuun kan jedhu baayyee na gammachuiisa.”

Dr.,Nagaasoon adoo bara hujii ufii hin fixin “akkii siyaasaan Itoophiyaa itti deemu hin feene,” jedhee hujii dhiise.

Eegee seera cabsee siyaasaa keessa seenee jedhanii mindaa fi waan durii mootummaa irraa argatan irraa dhaaban.

Makiinaa mootummaan kenneefillee irraa fudhatanii horiillee dhabee taaksiin deema, mindaan diqqaan jiraachaa bahe.

“Otun kaayyoo qabaachuu baadhee nama maraatuun ture.Ykn biyyii kun kiyyaan miti jedhee nama biyyaa bahu ture.”

Dr.,.Nagaasoo Gidaadaa yuniversitii obboo Dinquu Dayyaasa,Rift Valley keessatti daarektera jidduu gala qorannoo Oromooti.Dubrii Dr., Nagaasooti jedhe.

Dr., Nagaasoon dura namii bara durii keessa seensaa Oromoo barreesse nama seeraa Dhiiphisaa Lephisa Abbaa-Joobir jedhan.“Isatti aanee Nagaasootti argaa-dhageettii Oromoo barreesse.”

Dr.Nagaasoo obsii maan bahe?

Akka Dr.,Gammachuun jedhutti obsa qabaachuu baateeyyuu asi hin gahu. Jidduu-Gala Aadaa Oromoo Dr.Nagaasootti gaafa pirezidaanii tahe akka jaaramu yaada dhiseesse Dr.Gammachuun.

Dr.Nagaasoon akka Dr., Gammachuun jedhutti yoo hedduu akka seenaa fi argaa-dhageettii Oromoo barreessan namatti dhaamata.

Dr., Gammachuu fi pirezidaanti Nagaasoo taaksii keessatti wal argan.

Dr.,Gammachuu: Adoo haasahanuu akkana jedhe Dr., Gammachuun “Ibiddaa duru wal beeknaa utubaa narraa qabaa jettee eeleen manii gubatee jennaan.”

Dr., Nagaasoo: “Nu hiyyoomsanis wallaansoo kana irraa boodatti hin deebinuu hiyyumaan duruu wal beeknaa jechuudhaa mitii?” naan jedhe.

Dr.Nagaasoo obboo Dinquu Dayyaasaatti yuniversti ufii keessatti akka aadaa Oromoo jabeessan Dr., Gammachuu waliin qaxare.

Pirezidaanti Nagaasoon gaafa pirezidaantummaa irra jiru yuniverstii Finfinneetti barattootaa fi barsiisota Oromoo walti yaamee cunqursaa gudodo keessa jiraatanillee Oromoon saba bal’aa.Akka saba bal’aa itti gaafatama qabuutti akka obsa qabaatan gorse.”

Dr.,Gammachuun obsa Dr.Nagaasoon kana mammaasaa Abbaa Gadaa Booranaa,Adii Diidaatiin walti akeeka.

“Namii aadaa keessatti du’e waan jiru fakkaata…tanaafuu Nagaasoon nama dhugaaf du’e,” jedhe.

Waan Dr.Gammachuun jabeessee dhaamatetti jira “fakkeennummaa isaa kana warrii poropogaandaa fayyadamutti jira tana dhiisanii fakkeennummaa isaa biyyaan barsiisuu qabu.”

Dr.Nagaasoo fi Dr.Gammachuun adoo innii lubbuu hin dhabin torbaaniin duratti wal argan “hamma dhuma isaatti wannuma biyya kanaa wannuma Oromoo kana yaadaa ture.”

Anaa fi Pirez.Nagaasoo

Gaafa ani(Soraa Halakee) gabaasaa TV Itoophiyaa tahee hojjadhu Dr. Nagaasoon dubbii tiyya tanaa fi akka wa itti himu guddoo jaalataan dhagahe. Jennaan gaafa tokko bilbilaan wal dubbifne.

Ana: Dr.Nagaasoo baaraa fayyaa, nageennii badhaadhaa wa deemtaa?

Dr.Nagaasoo: Dansaa,dansaa,dansaa...

Dvn naan bahee Amerikaatti galuuf kurfeeffadhu bilbilaan wal haasomnee mana ufiitti na yaame.Akka guddinna Afaan Oromoo keessatti qooda guddaa qaaadhe,afaan Oromoo wal barsiiseef na galateeffatee “jabaadhu” jedhee na galateeffatee na eebbisee na badhaase.

Akka Dr.Gammachuun jedhutti Dr. Nagaasoon nama jabeessee egeree yaadu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG