Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ochaan Tigraay Keessaa Hojii Keenya Dhaabuuf Jirra Jechuun Akeekkachiise


Faayilii - Haadha daa'imni hanqina nyaataatiin jalaa hubamte qabatttee jirtu, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 21, 2021
Faayilii - Haadha daa'imni hanqina nyaataatiin jalaa hubamte qabatttee jirtu, Abi Adii, Tigraay, Caamsaa 21, 2021

Jaarmayaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Motummootaa(OCHA)gargaarsii raabsuu dhumaa waan jiruuf jecha hojii Tigraay keessatti gaggeessu dhaabuuf kan dirqamuu maluu ta’u akeekkachisee jira.

Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti wal waraansa gaggeeffamuu walakeessa baatii Muddee kaasee uummata Miliyoona hedduu kanneen Tigraay keessatti gargaarsa eeggatan akka hin dhaqqabne ittisee jedhan.

Dubbi himaan Ochaa Jens Larkee akka jedhanti, jaarmayoonni gargaarsaa kan Tokkummaaa mootummootaas ta’e kan dhunfaa hojii isaanii hanqisaa kan jiran yoo ta’u kunis sababaa hanqiina gargaarsaa, boba’aa fi maallaqaan ta’u ibsan.

Dhuma baatii Guraandhalaa qabee gargaarsa raabsuu guutummaatti kan dhaaban ta’u jaarmayoonni akeekkachisanii turan jedhanii, nyaata gabbisuu fi nyaata dabalataa akkasumas wal’ansii kanneen hanqiina nyaataan akka hamaatti miidhamaniif kennamuu kan hin jirre ta’u ibsan.

Sagantaan nyaata addunyaa akka jedhutti, daa’imman Tigraay keessaa kanneen umriin isaanii waggaa 5nii gad ta’e harkii 13 akkasumas dubartoota ulfaa kanneen annan harmaa hosiisan harkii walakkaan hanqiina nyaataan rakkataa kan jiran yoo ta’u, haala daariiqa ykn infeekshinii fi du’aaf saaxiluu danda’uu keessa jiru .

Kusaan boba’aa qaban Amajjii 24 dhumuu isaa jaarmayoonni gargaarsaa kan sadarkaa addunyaa nutti himaniiru kan jedhan dubbii himaan Ochaa Laerke,lafa danda’ameetti lafoo deemuun gargaarsa ishee haftee raabsaa jiru jedhan.

Guyyoota dhiyeenya kanaa keessa gama balaliin gargaarsa geessuun kan itti fufee ta’uus, gargaarsa iddoo sanaaf barbaachisu mara xayyaaraan geessuun hin danda’amu jedhan.

Wal waraansii Mootummaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti ta’e / gara naannoolee olaatti babal’achuun Afaarii fi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti uummanni kuma dhibba hedduun akka godaanan gochuun beelaa fi hanqiina nyaataa mudatee akka dabaluu taasisee.

Laarken akka jedhanti akka Tigraay keessaa otoo hin taanee, jaarmayoonni gargaarsaa Afaarii fi naannoo Amaaraa seenuun gargaarsa kennamuu dabaluu danda’auu jechuu isaanii Lisaa Shelaayiin Jenevaa irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG