Xurree ittiin seenan

Breaking News

Of Wareegaan Nijeeriyaa Keessaa Lubbuu Hedduu Galaafate


Of wareegaan tokko Naayjeeriyaa Kaaba gama bahaa magaalaa Mubi keessatti masjiida argamu cinatti boombii ofitti dhooseen yoo xiqqaate namoonni 20 ol du’anii jiran.

Balaa kanaaf itti gaafatame kan fudhate hin jiru, garuu haleellaan sun haleellaa Booko Haraamiin raawwatamaa ture fakkaata.

Kanneen biroon kudhanii ol ta’an illee haleellaa walakkeessa guyyaa raawwatame kanaan miidhaan irra ga’ee jira.

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti nama boombii hidhate tokkotu dhuka’aa isaa masjiida sana cinatti erga dhoosee booda, ka biroon namoota sagaaaf wal ga’an cinatti dho’ee jira. Namoonni kun gara lafa gabaa naannoo sana jirutti baqatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG