Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeessonni Fayyaa Afrikaa Kumaan Lakkaawwaman Vaayrasii Koronaatiin Qabamuun Yaaddoo Uumee


Faayilii - Hojjattoonnii fayyaa namoonnii ammam wal irraa siiquu akka qaban yeroo barsiisan, Afrikaa Kibbaa
Faayilii - Hojjattoonnii fayyaa namoonnii ammam wal irraa siiquu akka qaban yeroo barsiisan, Afrikaa Kibbaa

Afrikaa keessatti hojjetoonni eegumsa fayyaa kuma hedduun Vaayirasii Koronaan qabamuun aangwoota fayyaa ka sadarkaa Addunyaa biratti yaaddoo uumee jira.

Caasaa eegumsa fayyaa arditii keessaa dadhabaa tahetti rakkoon kun yoo dabalame baay’ee yaaddessaa dha jedhu aangawoonni kun.

Afrikaa Kibbaa keessatti qofa hojjetoota eegumsa fayyaa kuma sadi’ii fi dhibba shanii ooltu vaayirasichaan qabame. Haga ammaatti 34 tu du’e.

Jaarmayaa Fayyaa Addunyaatti, Daarektarri damee Afrikaa – Maashidiisoo M’eetii akka jedhanitti, guutummaa Afrikaa keessatti haga ammaatti namoota kuma dhibba toobaa fi kuma toorbaatama tu vaayiresii Koronaatiin qabame. Kanneen keessaa kuma kudhanii ol, hojjetoota eegumsa fayyaa ti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG