Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oguma Qabaniin Addunyaa Tokkomsuu


Waldaan dargagoota Oromoo kan sadarkaa adunyaa Muddee 31 bara 2010 kutaa Minisootaa magaalaa Seent-pool keessatti gaafa Nudde 31, 2010 qophii sirbaa diheessuuf jira.Guyyaa kanatti baandii Amerikaa "JAZZ FOR PEACE" jehdamu qophii sirbaa dhiheessa, wallistoonni Oromoo illee itti hirmaatu.



Kaayyoon agarsiisa kanaa Waldaa Dargaggoota Oromoo Addunyaa jajjabeesuu fi uummata Oromoo lammiwwan Amerikaa naannoo sana jiran waliin wal barsisuu akka ta'e dubbi-himaan waldaa kanaa Dargaggoo Falmataa Badhaasoo ibsee jira.

Bu'ursaan baandii "Jazz for Peace" fi ogeessi muziqaa beekamaa Riik Deleraataa, "uummanni Oromoo uummata addaa ti,biyya ofii otuu jaallattu cunqursaa irra ga'een biyyaa ba'uuf dirqame" jedha.

"Fuulbaanaa 9 bara 2001 magaalaa Neew yoork keessatti haleellaan dhaqqabee, bilsaaleen dhaabbata daldala adunyaa yeroo barbada'anii fi namoonni kuma sadii ta'an yeroo dhuman sana, anis magaalatti keessaa biilsa achitti dhihoo irra waanan jiraataa tureef dhiyeenyaan ilaalaan ture " kan jedhu Riik Deleeraataa, sana booda sirba "Jazz for peace" jedhamu baasuu isaa fi sana irraa ka'ee immoo maqaa "Jazz for Peace" jedhuun Baandii amma Addunyaa irra naanna'ee nageenya leellisuun sirbu hundeessuu isaa dubbata.

"Dhala-namaaf nageenya buusuu irratti hundoofnee Adunyaa tokko goona, waan dansaa uumna" ka jedhu, kaayyoo Baandii kanaa ti. Qophii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG