Mootummaan Somaaliyaa ergama naga eegumsa gamtaa AUSSOM jedhamuun beekamu kan jalqaba bara dhuftu Somaaliyaa keessatti sochii jalqabuuf beellammi qabameef biyyoota loltoota gumaachan akka filatu mirkaneessee jira.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa Roobii har’aa kenneen, Somaaliyaan kallattii ergama kanaa Abbaa biyyummaa irratti fuuleffachuu ifaa ta’een akka hooggantu ibseera. Somaaliyaan walii galteen Itoophiyaan Somaaleelaandii waliin irra geesse abbaa biyyummaa Somaaliyaa sarba jechuun falmitee jirti.
Itiyoophiyaan naannoo kaabaa Somaaliyaa waliin waliigaltee uummachuu dabalatee tarkaanfiin sun Abbaa biyyummaa keenya kan cabsu fi nageenya eegsisuuf amantaa barbaachisaa jiru kan mancaasee dha jedha ibsi sun. Ibsicchi prezidaanti Hasan Sheek Mehaammud Somaaliyaa kessaa biyyoota loltoota qaban Keeniyaa, Ugaandaa, Burundii fi Jabuutii keessatti daawwannaa erga geggeessanii booda ifa ta’e. Prezidaantichi Somaaliyaa keessa loltoonni ishee kumaan laka’aman jiraatanis Itiyoopiyaa hin daawwanne. Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa gaaffii VOA yaada kennuuf dhiheesseef hatattamaan deebii hin kennine.
Itiyoopiyaan gurmuu haaraa kan gamtaa Afriikaa AUSSOMtti makamuuf fedhii kan agarsiiste yoo ta’u, Ji’a Hagayyaa keessa Itiyoophiyaan gara ergama haaraa AUSSOMtti ce’uun naannichaaf balaa ta’uu akeekkachiiftee turte.
Forum