Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayijeeriyaan Vaayiresii Koronaa Haaraa Kan Omikroon Jalqaba Baatii Onkoloolessaa Keessa Arguu Ishee Beeksiste


Vaayiresiin Omkroon imaltoota Afrikaa kibbaa irraa deebi’an lama irratti argamuu waaltan to’annoo fi ittisa dhukkuboota Naayijeeriyaa ibsa kenneen beeksisee jira.
Vaayiresiin Omkroon imaltoota Afrikaa kibbaa irraa deebi’an lama irratti argamuu waaltan to’annoo fi ittisa dhukkuboota Naayijeeriyaa ibsa kenneen beeksisee jira.

Naayijeeriyaan baatii onkoloolessaa keessa qorannaa dhiiga namootaa irraa walitti qabdeen vaayiresii koronaa haaraa Omikroon jedhau ka jalqabaa, Afriikaan kibbaa torban darbe beeksisuu ishee dura kan argite ta’uu instityuutiin fayyaa uummataa ka biyyattii har’a beeksisee jira.

Vaayiresiin Omkroon imaltoota Afrikaa kibbaa irraa deebi’an lama irratti argamuu waaltan to’annoo fi ittisa dhukkuboota Naayijeeriyaa ibsa kenneen beeksisee jira.

Vaayiresiin kun garuu namoonni kun Naayijeeriyaa utuu hin seenin dura argamuun gabaasameera.

Vaayiresiin haaraan kun akkaan daddarbuu isaa, namoota akkaan dhukkubsuu fi talaallii argame danquu isaa ilaalchisee waan hin beekamin hedduun jiraachuu angawoonni eegumsa fayyaa shakkii qabachuu ibsanii jiru.

Naayijeeriaa keessaa oduun vaayiresii Omkroon kan jarmayaan fayyaa addunyaa balaa hamaa qabaachuu akeekkachiise weerara COVID 19 ka biroon ka’uu mala jedhu dhaqqabsiisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG