Xurree ittiin seenan

Breaking News

Omkiroon Yunaayitid Isteetis Keessa Namoota 40 Qabuun Gabaasame


Wiirtuu qorannoo vaayrasii koronaa, Muddee 8, 2021
Wiirtuu qorannoo vaayrasii koronaa, Muddee 8, 2021

Yunaayitid Isteetis keessaa namoonni 40 ol ta’an vaayiresii Omikroon jedhamuun kan qabaman ta’uu isaanii fi kanneen keessaa afur keessaa sadii talaallii kan fudhatan ta’uu hooggantuun waaltaa to’annoo fi ittisa dhukkubootaa beeksisaniiru.

Dr. Rochelle Walensky AP waliin gaaffii fi deebii kaleessa geggeessaniin akka jedhanitti, kanneen vaayiresii kanaan qabaman martinuu hagas hin dhukkubsanne. Ragaan jiru murtaa’aa waan ta’eef dhaabbati isaanii vaayiresichi haaraan kun Yunaayitid Isteetis keessatti haalli isaa maal ta’uuf akka jiru qoratamaa jira jedhan. Walenskyiin akka jedhanitti hanga yoonaa akka gabaasametti mallattoon dhibee kanaa qufaa fi funyaan namaa cuqqaalamuu fi dadhabbii dha.

Angawoonni waaltaa ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa akka jedhanitti hanga yoonaa namni tokko dhibamee hospitaala kan seene yoo ta’u, kan du’e garuu hin jiru. Vaayiresiin Omikroon jedhamu kun jalqaba kan argame ji’a darbe Afriikaa kibbaa keessatti yoo ta’u jarmayaan fayyaa addunyaa akka gabaasetti hanga yoonaa biyyoota 57 keessatti argamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG