Xurree ittiin seenan

Breaking News

Omn ya biyyatti gale nama kuma kurnya hedduutti eebbaa fi Jawaar Mohaammad simachuuf Finfinneetti wal gahe "Oromiyaa guddisuutti itti aana"


OMN ya biyyatti gale Oromoo kuma kurnya hedduutti OMN fi Jawaar Mohaammad bahe simate
OMN ya biyyatti gale Oromoo kuma kurnya hedduutti OMN fi Jawaar Mohaammad bahe simate

Eebba OMN fi Simannaa daarkter OMN Jawaar Mohaammadiif nama kuma kunrya hedduutti Finfinneetti wal gahe
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:54 0:00

Kalee Hagayya 5,2018 nama kuma kurnya hedduu Oromiyaa keessaa walti dhufetti Omn (Oromia Media Network) eebbisuu fi daarkter Omn Jawaar Mohaammad simatee yooyyifachuuf Finfinnee galma Barkumeetti walti dhufe.

Akka warrii qophii tana keessa oole jedhetti simannaa tanaa fi karaa Diida Xuyyura Booleeti haga hoteelii gareen Omn qaban,Ililltti karaan cufaa.

Gareen Omn qophii eebbaa fi simannaa OMN fi Jawaaar Mohaammad galma walgahii Barkumee irraa bahainii jennaan hardha Gincii fi Amboo oolan.

Jawaarii fi miilotii isaa, gareen OMN Amboo fi Gincii dhaqanii ummataan wal mari'atan
Jawaarii fi miilotii isaa, gareen OMN Amboo fi Gincii dhaqanii ummataan wal mari'atan

Jawaar ulfinna ijoollee ganna 4n dabre rakkoo mormiin wal qabateen dhumaniif miila duwwaa deemee,biqiltuu dhaabee.istaadiyoomii Amboolleetti ummataa haasaa tolche.

Eebbaa fi simannaa Jawaar Mohaammad irratti nama kuma 25 caaluutti galma walgahii Barkumeetti wal gahee jedha warrii tana qopheesse.

Qophii galma Barkuma Abbaa Gadaatii fi abbootii amantitti lafaa fi gubbaa walti eebbisee jalqabe.

Qamara Yuusufitti Jawaar simatee Oromiyaalee itti faarse.

Biyyyaa abbaa kiyyaa…

Daarketer Boordii OMN obboo Kitaabaa Margaa ganna 40n duubatti Itoophiyaatti deebi'ee jedhe.

Waggaa 4 huji kana tolaan hojjachaan bahe.OMN harka guddaan Oromoo biyya alaatti utubee asiin gahee kunoon asiin geennee nurraa fuudhaa jedhee itti dhaame.

“Daahima waliin kunuunsinee guddisnee asiin geenyee nurraa fuudhaa,” jedhe dhaamsa pirezidaanti OMN Dr., Ahmed Gaclhuu itti dhaamne obboo Kitaabaan.

“Nuti hamma humna keenna asiin geenyee hardha irraa jalqabee akka nurraa fudhatan kabjaan isan gaafanna,” jedhee dabale obboo Kitaabaan.

Itti gaafatamaan Biiroo Koominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Amaaraa obboo Nigusuu Xilahun ammoo OMN fi Jawaarii "baga biyya teessanitti nagaan galtan" jedhee faaydaa OMN ummataa bahee fi faaydaa jaalaltii Amaaraa fi Oromoo fiddellee dubbate.

Jawaar: “kun jaala keessan ka qabsooti... taankii teenna” jedhee komputera laptop ufii ganna afur isaniin wal qunnamaa ture" jedhe muuziyeemii keessa keeyyadhaa jedhee mallattoo Oromummaatii fi obboleeyyummaatiif,jedhee pirezidaanti Oromiyaa, Lammaa Magarsaatti kenne

Obboo Lemmaa Magarsaa dubbii dubbate keessatti akka injifannoon Oromoon argatte harkaa hin baane dhaamate.

Jawaar: Tarsiimoon masakamnee, tokkummaa jabeeffannee asi geenyee.. jabeeffadhaa Oromiaa misoomaan guddisaa" jedhee dhaamate. Taatullee Gaafiin Oromoo cuftii deebite jechuu miti jedhe itti dabale.

Injifannoo argane taajyita harkatti galfatanne hidda qabsiisuun boqonnaa qabsoo itti aantu taha.

Omn,Oromia Meida Network ganna 4n duratti dubbi Oromoo first ,Oromoo durfanna jettuu irraa kahee amma asi gahee afaan jahaan oduu addunyaatti himuutti jira.

Oromoiyaa misoomsuu, guddisuu fi madda demkiraasii itti dagaagu tahu qaba.Oromiyaa tasgabbeessuu barbaachisaa.Dinagee guddifachuu qamna.”

Ummataan ammoo kubbaa Qeeroon isanti kennite jabeeffadhaa jedheen.

Pirezidaanti Lammaalleen akka Oromoon wal dhageettii,tokkummaa fi qalbiin injifannoo argatte jabaaffattu dhaamate.

Waan Jawaar obboo Lemmaan jaje keessaa dhaaba OPDO keessatti humna jijjirama haaromsuu fi Oromiyaa asi gahu fa.

Bulchaa magaalaa Finfinnee obboo Taaklee Uumaatiin ammoo "ibidda jijjiirmaa maasteri pilaanii Finfinnee qabsiisee kibriita Oromoo," jedhee faarse Jawaar.

Gumii Abbootii Gadaa Oromootiin ammoo eennummaa Oormoo gadi dhaabanii Gadaa Oromoo deebisan jedheen.

Achii ammoo Galaansaa Gaaromsaatti rraa fuudhee “aadaa baddetti gale’ jedhee maaykii bute.

Ittihiiqaa Tafarii ammoo Si bardoolaa laataa akka leenca bosnaatti jehee Saaqii Saanqaa ufiitti dabre

Lataa Qanahii taraffi jedhetti waltajjii irra bu’ee:

Qarreen sun addaattee ga,

Dabaraeen na geessee kaa,

Tarreen na fakkaattee kaa,

Hin dabarsu tarree koo,nan amana laphee jechaa itti oofe.

Hacaaluu Hundeessaa ammoo JIRTUU keessatti, ijoolleen Oromiyaa ijoolleen Itoophiyaa, ijoollee Afrikaa,ijoolleen addunyaa jirtuu jedhee jireenna gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG