Xurree ittiin seenan

Breaking News

“OMRHO” Waldaan Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Oromoo biyya Jarmanii


Magaalaa Jarmanii, Hanover ka maadheffate Waldaan Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Oromoo -- afaan Jarmaniin gabaabsamee “OMRHO” jedhamuun beekamu - Sanbata dabre kana, magaalaa Berliin keessatti seminaara waa’ee mirga namoomaa fi haala misoomaa Gaanfa Afrikaa, keessumaa kan Itiyoophiyaa keessaatti fuuleffate geggeessee jira.

Bara 1991 ka taayitaa Mootummaa Itiyoophiyaa qabate Ihaadeg, filannoo barana, bara 2010 geggeessame dhibba irraa harka sagaltamii-sagalii fi qabxii jahaa injifadhe jechuun labsee jira, njifannoon jedhame kun, Muummichi-ministaraa Melles Zenaawii otuu addaan hin kutiin akka aangoo hoogganummaa irra turan taasisa, ka jedhu jaaramayaan mirga namoomaa fi gargaarsaa kun, "haalli filannoo sanaa kan nagaa fakkaate iyyuu gareeleen mormitootaa mirgi namoomaa isaanii ukkaamamuu fi gaaga'amuu iyyataa turan. Mormitoonni hedduun doorsisanaa, hiraarsamaa fi hidhamaa turan. Kanneen filannoo sana dura humnoota motummaan ajjeesaman illee ni turan." jedha.

Itiyoophiyaan biyyoota Awurooppaa fi Yunaayitid Isteetis irraa waggoota hedduuf gargaarsa misoomaa guddaa akka argataa turte eeruudhaan, garuu gargaarsi kun galii itti yaadame ga'ee, dhuguma. biyyattii misoomsee jiraa? gaaffiilee guguddoo seminaara Berliin kana irratti ka'ee mariin bal'aan irratti geggeessame tahuu, dura-taa'aan Jaarmayaa Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Oromoo, Luba Bantii Ujuluu ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin beeksisanii jiran.

Kana malees mata-dureelee akka kittaannaa ijoollee durbaa, akkaataa ka'insaa fi hidda-jabeeffachuu irreen-bultummaa filannoo Itiyoophiyaa keessaa. haala mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa, girdiraa baqattoota biyyoota gaanfa Afrikaa fi ka biroo irratti qorannoon dhihaatee, mariin kan irratti geggeessame tahuu dubbatan, Lubi Bantiin. Kanneen qorannoolee kana dhiheessan hayyoota Oromoo fi ka sadarkaa addunyaa tahuu illee ibsanbii jiran.

Gaaffii fi deebii dura-taa'aa Jaarmayaa Mirga Namoomaa fi Gargaarsaa Oromoo, Luba Bantii Ujuluu waliin geggeessine MP3 ka fuula kana irra gama harka mirgaaa jiru tuqaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG