Maddi oduu Asoosheeted Prees dhaabataa midhaan Nyaataa Addunyaa waabeffachuudhaan akka gabaasetti, jiraattonii gaanfa Afrikaa miiliyooni 13 beela cimaadhaaf saaxilamanii jiru.
Ummanii naannoo Sanaa warren Somaliyaa, Itiyoophiyaa fi keenyaa keessa jira haalii cimaan yeroo ammaa isaan muudatee jiruu isa bara 1981 ti asi isaa jalqabaa akka ta’e kan ibsee WFPn gargaarsii atattamaa akka isa barbaachisu himee waamicha taasiseera.
Balaa kibbaa fi kibba baha Itiyoophiyaa, kibba baha fi Kaaba Keeniyaa, walakkeessa kibba Somaaliyaa muudate Kanaan hanqinii nyaataa heduu ol ka’aadha.
Akka WFP jedhetti ji’oottan 6n dhufan keessatti namoottan Miiliyoonii 4. 5 dandamachiisudhaaf gargaarsaa Doolaara Miiliyoonii 327 barbaachaa jira.
Karaa biraatiin, Dhaabata mootummoota gamtoomaniitti Ejensiin dhimmaa ijoollewwanii ykn UNCEIF sababa walwaraansaatiin kan ka’e Itiyoophiyaa keessatti namoonii Miiliyoonii 6 ta’aniif amma walakeessaa ji’a Bitootessaatti gargaarsii namoomaa atattamaan barbaachisa.
Biyyaa olla Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessattis Namoonii Miiliyoonii 7 ta’an gargaarsa atattamaa akka eeggachaa jiran gareen jaarmiyaalee Miti- mootummaa Somaaliyaa ibsuun isaa gabaasamera.