Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oolmaa Naannolee Oromiyaa Ka Godina Booranaa, Godina Harargee Lixaa fi Wallaggaa Lixaa


Sirna awaalchaa shamarree mormii irratti lubuun ishii darbee, Begii
Sirna awaalchaa shamarree mormii irratti lubuun ishii darbee, Begii

Godina Booranaatti jiraattotii magaalaa Yaaballootii fi Bulee-Horaa hardha hiriira bahanii rakkoolee gara garaa himatan.

Hiriira ummata magaalaatii fi barattootii Mana barumsa Qophaahina Yaaballoo fi Sadarkaa Lammeessootii keessatti bahan jedhan kana irratti nama hedduutti bahee jedha warrii lafaa.

Jarii hiriira bahe kun ijeechaan haa dhaabbattuu,ka ijjeefameef gumaan haa bahuu,seera dhabiitiin haa dhaababtuu fi waan hedduu himachaa bahe jedhan.

Nama hiriira bahe bittinneessuuf akka jarii achi jiru jedhutti poolisiiin akka malee qawwee dhaanuun ummata bittinneesuu yaalan jedhan.Hiriira kana irratti intala dubaraa,Xummee Jaarsoo jedhanitti madaahe hospitaala jiraa namii hedduulleen miidhamuu hin oolu jedhama.

Jiraattotii magaalaa Bulee-Horaalleen akka akak jiraattotii jedhanitti jiraattota gandaalleen walti dabalamanii hardha hiriira bahan.Rakkooleen himatan jedhan keessaa; saamichii qabeenna uumamaa haa dhaabatuu! Seera malee nama hidhuu fi ijjeesuun haa dhaabatuu!Warrii nama fixee seeraan haa gaafatamuu fi rakkoo gara garaa himatan.

Nama hiriria bahe irratti poolisiin qawwee tokkosee nama lamaan madeessan jedhan keessaa tokko Dhaddacha Dandanooti hospitaala jiraa kaan maqaan hin beekamnee miilatti dhawame jedhan.

Akka bulchaan magaalaa Bulee-Horaa obboo Daadhiin jedhutti namii seera hiriira mormii guutee bahee hin jiruu nama 50-60 tahutti dhagaa dadarbatee poolisiin bittinneesse.

“Nama madaahee fi hidhamee jedhan “qulqulleeffachuutti jirra,”jedha.

Godina Harargee lixaa aanaa Daroo Labuu magaalaa Machaaraa keessatti wixata Guraandhala 22 bara 2016 hiriirri guddaan geggeessamuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru. Hiriia kana bittinneessuuf humnoonni mootummaa bobba’an hiriirtota nagaatti qabanii dhukaasuu isaanii dubbatu jiraattonni magaalaa Machaaraa.

Dhukaasa Kanaan lubbuun namootaa hedduu darbuu jiraattonni ni dubbatu. Namoonni balaan irra ga’e gara Hospitaala Galamsootti ergamuu isaaniif kaan illee achi erga ga’anii lubbuun isaanii darbuun ibsamee jira.

Maddeen hospitaala Galamsoo namoonni madaa’anii gara mana yaalaa sanaatti fidamuu isaaniif kanneen keessaa afur Wixatuma akka achi ga’aniin battala lubbuun darbuu nuu ibsanii jiru. Hiriira geggeessame jedhame kanaaf lubbuun namaa darbuu ka jiraattonni himatan qaama mootummaa irraa adda baafachuuf gara angawoota naannoo fi poolisiitti bilbillus deebii argachuuf itti hin milkoofne

Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Begii keessatti hiriira wiixata Guraandhala 22 bara 2016 gaggeeffameen kan ka’e Polisiin Oromiyaa dhukaasee nama lama ajjesee hedduu madeesse jechuun jiraattonni ibsanii jiru. Erga guyyaa Sanaa qabee magaalattiin muddama jala akka jirtuu fi Humni ittisa waraanaa seenuu isaa ibsanii jiru. Garuu itti gaafatamaan waajiira polisii aanaa Begii Saajin Maatewoos Waaq-wayyaa akka jedhantti kashalabboonni ba’anii sirbaa akkasumas wacan turaniiru . Garuu polisiin bobba’e tokko iyyuu hin turre, namni dhukkubsatee da’uu ni danda’a malee kan polisiin ajjeese hin jiru jedhan.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:23:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG