Doonaald Tiraamp yeroo 2ffaaf Pirezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun kakatanii, barcuuma waggoota afur dura Joo Baayiden harkaa fudhanti deebi’aniiru.
Doonaald Tiraamp akka lakkoodsa waashingitanti walakeessaa guyyaa irratti kakatanii aangoo qabatan.Kanas Abbaa Murtii Olaanaa Mana Murtii Waliigalaa Yunaayitid Isteetis Joon Roobartistu kakachiise.
Sana dura ganama har’aa Tiraamp Waayit Haawusitti Baayideniin kan simataman yoo ta’u lamaan isaanii konkolaataa tokko yaabbatanii gara sira Irbuu seenuu Kaapitoolii Hil kan sababa qilleensa qorraatiin mana keessatti gaggeeffamuutti imalan.
Akkasumas Itti aanaa pirezidaantii haaraan Jee Dii Vaans sirna irbuu seenuu gaggeessanii jiru.
Tiraamp erga kakatanii booda haasaa taasisaniin, “Barri warqeen kan Ameerikaa ammuma irraa eegala” jedhan.Itti dabaluudhaanis: “Biyyi keenya ni dagaagti, ni kabajamtis” jedhaniiru.Tiraamp Ameerikaaf dursa akka kennan dhaadataniiru.
Ji’a Adooleessa keessa Baatlar Peenseelveniyaa Utler keessatti aggaammii ajjeechaa isaan irratti taasifame ilaalchisee yaada kennaniin, Waaqayyo Amerikaa akkan deebisee guddoo taasisuuf lubuu koo oolche, jedhanii akka amanan dubbatan.
Amajjii 20 bara 2025 Guyyaa Bilisummaatt; tokkummaan sabaa deebi'aa jiras, jedhan.
Daangaa biyyatti gama Kibbaatti labsii hatattamaa biyyoolessaa akka labsan himanii, kunis godaansa seeraan alaa hunda ni dhaabsis, biyyaa ari'uus eegala jedhan.
Tiraamp kanneen qoricha sammuu darreessu deddeebisan yokaan daldalan akka “dhaabbilee shororkeessummaa biyya alaatti” ilaaluuf karoorfatan.
Qaala'iinsa guddaa jiru injifachuuf mootummaa isaanii akka sochoosu dubbataniiru. “Labsii hatattamaa kan annisaa biyyaalessaa” akka labsu akkasumas Dhaabbileen boba'aa akka qotan nan eyyama jechuun dubbatan.
Meeshaalee biyyoota alaa irraa dhufan irratti taarifaa fi gibira muruufis waadaa galaniiru.
Forum