Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Magaalaalee Oromiyaa Hanga Tokkoo Uggurame Lubbuun namaas darbeera jedhu jiraattonni


Har’a magaalaalee Oromiyaa adda addaa hanga tokko keessati mormii, bakka kaanitti immoo namoonni du’an ennaa awwaalaman kaan keessatti immmoo namoonni du’uu fi humnootiin mootummaa waan bobba’aniif sochiin magaalaalee kanaa ugguramanii jiraachuu jiraattonni naannoo akkasumas hoogganoonni paartilee momituu ibsaniiru.

Maatii namoonni duraa ajjeefaman jedhamn keessaas dubbisnee jirra. Angawaa mootummaa biraas deebii arganne qabna.

Naannoo addaa Oromiyaa Sulultaa keessatti har’a mormii geggeessameen uummati daandii bakka tokko tokkotti waan cufeef jecha humnoonni mootummaa manneen namaa irra naanna’uu dhaan uummata hidhaa jiraachuu jiraattonni dubbataniiru.

Namoota manaa waamanii baasanis garaa dhaan lafa irra akka siqan taasisuun nu dararaa jiru jedhu. Godina kelem Wollega magaalaa Canqaa keessatti illee lubbuun namaa humnoota mootummaan darbuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru.

Magaalaa kana keessatti haala mudateen maatii tokko keessaa namoonni sadii haatii fi ilmaan isaanii Fedhesa fi isheetuu jedhaman rasaasaan dha’amuu dhaan Eshetu fi haati isaa ennaa du’an Fedhesaan madaa’ee mana yaalaa jira jechuun nuuf ibsan jiraataan magaalattii.

Jiraataa magaalaa Amboo kan ta’aniif nama obboleessa kootu na duraa ajjeefaman jedhan ofii isaanii kale koo irra dha’ameera waan ta’eef obboleessa koo awwaallachuu hin dandeenye nuun jedhan.

Gondina Horro Guduru Wallaggaa jiraataan magaalaa Guduruu tokkos haala magaalattii keessatti uumame ennaa ebsan humnootiin mootummaa uummata hiriira ba’e reebuu irra darbanii lubbuun namaa illee darbeera jedhu.

Godina walaggaa dhiyaa magaalaa Najjoo keessatti kaleessa hojjetaan mana yaalaa tokko du’uu gabaasuun keenya ni yaadatama. Sirni awwaalcha dargaggoo Gammachiis Xilaahuun har’a raawwatame.

Haala magaalaa Najjoo keessatti uumamee fi namoonni reebamuu ajjeefamuu akkasumas sochiin uummataa ugguramuu ilaalchisee himannaa jiraattonni dhiyeessaniif deebii argachuuf bulchaa magaalattii obbo Birhaanuu Caalii quunnamnee jirra. Namni tokko du’ee awwaalameera, kana irraan kan hafe garuu farren nageenyaa jeeqama uuman irraan kan ka’e nagaan boora’ee adeemsi baruu fi barsisiuu yeroof gufateera. Haala jiru tasgabbeessuuf irratti hojjetaa jirra jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:34 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG