Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Duulli Hidhaa Itti-fufee Jira Jedhu Mormitoonni


Paartiileen mormitootaa Oromoo lama Koongiresiin Uummata Oromoo fi Warraaqsi Federaalistii Uummata Oromoo Miseensotaa fi deggertoota isaanii dabalee namoota hidhuun Oromiyaa keessatti akka haaraatti jalqabe amma illee bal’inaan itti fufee jira jechuun himatu.

Addi Bilisummaa Oromoos hidhaadhuma kana ilaalchisee torban kana ibsa barreeffamaan facaaseen duula hidhaa ilmaan Oromoo kallattiin qiyyaafatee geggeeffamu dhaabsisuuf hawaasni addunyaaf uummatoonni Itiyoophiyaa waan danda'ame akka godhan waamicha dhiheessee jira.

Koongiressa Uummata Oromoo irraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kan ibsa kennan Obbo Olbaanaa Leellisaa, duulli hidhaa haaraan dhiheenya jalqabame godinaalee Oromiyaa akka Wallga Bahaa fi Dhihaa, Iluuabbaaboor, Jimmaatti akkasumas Finfinnee naannawa isheetti miseensota paartii isaanii fi ka paartii Warraaqsa Federaalistii Oromoo irratti haala yaaddessaan itti fufuu dubbatu. Poolisoota harkaa akka ragaa akka argannetti haga ammaa namoonni dhibba lamaa haga dhibba sadii hidhamanii jiru, jedhu. Barreessaan Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaas jechuma Obbo Olbaanaa deggeruun inumaa Godinaa Gujii keessatti immoo daranuu hammaatee jira jedhu.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Obbo Melles Zeenaawii ammoo gama biraan ibsa dhiheenya kana kennaniin hidhaa yeroo ammaa Itiyoophiya keessatti mul’atu, leenjii fi qajeelfama hookkaraa Mootummaan Ertiraa kennee, dhaabonni Mootummicha waliin hidhata qaban itti hirmaatan wajjiin akka wal-qabataa taheetti eeraN. kanneen sirna heeraan kaayame hin fudhatiin garuu, kana ifatti gochuun kan isaan hin baafne waan taheef, karaa seera-qabeessa hojjechuuf filatan humnoonni polotikaas yoo haalli miija’eef akkuman duraan dubbadhe, itti sigaachuun isaanii akka hin hafne duraanuu ka beekamu." jedhu Obbo Melles.

Qophii guutuu MP3 tuquun caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG