Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaan Dorgommii Guutuu Itoophiyaatti Warqii,Meetii fi Nahaasa 278 Caalaa Haratte


Dorgommiin Guutuu Itoophiyaa Sadeessoon torbaan lamaaf Adaamaatti taphachaa bahan Wiixata dabre dhumatte.Tana irratti Oromiyaan akka naannootti warqii 94,meetii 92 fi nahaasa 92 guurrattee tokkeessoo taate.Dorgommii baranaa sadeessoo tana;Arsii,Adaamaa fi Bishooftuutti taphachuutti jiran.Dorgommii sadarkaa olompikiitiin qopheessan jedhan tana irratti atileetota kuma 4000 tahanitti naannoolee gara garaati dhufee dorgomuutti jira.

Oromiyaan haga ammaatti akka jecha obbo Taammiraati Baqqalaa,Qindeessaa Dorgommii tanaatii fi Daarektera Olompikii Itoophiyaatti,dorgommiin tun waan naanno jajjabeessaati.

Gama kaaniin ammoo Itoophiyaan nama bisaan daakatee biyya bakka bu'ee dorgommii Olomikii London ta bara 2012 dhaquuf Mulualem Girmaa dabalee nama sadii qopheeffatte.Mulualem nama ganna 23ti,eegii dorgommii jalqabee ganna shanitti badhaasa warqii 45 argate.

Gama dhibiin ammoo dorgommii kubbaa miilaa Spanish Premier League,La Liga irratti Barceloonaa fi Real Madriditti moohachaa yaahuutti jira.

Mee mP3 tana irraa Qophii Ispoortii hardhaa fi torbaan dabree caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG