Xurree ittiin seenan

Breaking News

Luboonni Kiristanaa Oromoo fi Waahiloonni Isaanii Haala Mormiin Oromiyaa Itti Qabamee Jiru Irratti Yaaddoo Isaanii Aangawoota Mootummaa Ameerikaaf Ibsan


Luboota TWKO fi Waahiloota
Luboota TWKO fi Waahiloota

Kan Luba Dr. Gammachuu Olaanaatiin hoogganaman luboonnii fi michoonni Tokkummaa Waldoota Oromoo torban dabre keessa Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets fi Mana-maree Bakka-bu’ootaa biyyattii deemuudhaan haala itti mootummaan Itiyoophiyaa mormii barattoota Oromoo qabee jiruu fi hidhaa seeraa-alaa mormitootaa fi gaazzexeessota irratti geggeessamu ilaalchisee yaaddoo qaban aangawoota Ameerikaaf ibsanii jiran.

Akkasumas, kan as Waashinton Diisii keessa jiru Embaasii Itiyoophiyaatti argamuudhaan Ambaasaadder Girmaa Biruu waliinis dubbatanii jiru. Mootummaan mirga barattootaa fi lammiwwan isaa, ka deemsa siyaasaa keessatti walabummaan hirmaachuu fi spdaa malee mormii ofii ibsachuu heera biyyattii keessatti tumamee jiru akka kabajuu fi tiksu gaafatan, luboonni kunii fi waahiloonni isaanii.

Gaaffii fi deebii hoogganaa gurmuu kanaa fi prezidaantii Tokkummaa Waldoota Oromoo Warra Wangeelee, ka Luba Dr. Gammachuu Olaanaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:30 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG