WASHINGTON DC —
Tarkaanfii mootummaan Itiyoopiyaa barattoota Oromoo irratti fudhatee jiruu fi karoora maastar plaanii magaalaa Finfinneef ba'e mormuun magaalaa Fraankfart kan Jarmanii fi London UK keessatti har'a Oromoonni hiriira ba'anii jiran.
Mootummoonni biyyootii gama dhiyaa gargaarsa mootummaa Itiyoopiyaaf kennan dhaabuu qabu jedhu. Sababaa kanaanis maallaqni kun ajjeechaa ijoollee Oromoof oola kan jedhu ture.