Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Harargee Lixaa aanaa Meessoo Keessaa Guyyootaaf Itti fufee Jira. Man-barnootaa Shawaa Lixaa Tokko Keessas Mormii Dhageessisan


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Godinaa Harargee Lixaa, aanaa Meessoo keessatti walga’ii bulchiinsi aanaa Sanbata dabre waamee ture irratti kanneen argaman jiraattonni magaalaa Meessoo yaada bulchiinsichi itti dhiheesse fudhachuu diduu irraa fincilanii walga’icha dhiitanii ba’an, jedhu, jiraattonni achi turan.

Aangawoonni magaalaa aanaa Meessoo fi ka magaalattii “gaaffiin Maaster Pilaanii Finfinnee ammaa murtii Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromootin haqamee jira. Kanaaf, sababaa hiriira mormii itti baatan hin qabdan” jedhan iyyuu, uummatni garuu, “barattoonnii fi lammiileen Oromoo kaan sababaa mormii ba’aniif haa hiikaman.

Kanneen ajjeesamaniif mootummana itti gaafatama haa fudhatu, kanneen jedhanii fi gaaffiilee biroo kaasuudhaan, walga’icha dhiisee deemuu isaa dubbatan, jiraattonni. Kana irraa kan ka’e uummatni magaalaa Meessoo fi naannawa ishee Dilbata dabre hiriira mormii geggeessuu isaa fi daangii Finfinnee irraa gara Jabuutiitti geessu cufuu isaa illee himanii jira.

Gama biraan, haleellaa namoota bulchiinsa naannoo Somaaleetiin geggeessamee fi humnoota mootummaa tu harka keessaa qaba, jedhameen haleellaa bakka Urfoo fi Soddom jedhamutti geggeessameen qonnan-bultoonni aanatti ja’a rasaasaan haleelamuu isaanii fi san keessaa lama du’uu mirkaneeffachuu jiraattonni dubbataa jira. Boombiin magaalattii keessatti dhoosame dardara afur madeessuu illee dubbatu. Magaalaa aanaaa sana keessa jirtu ka biraa, Asaboot keessatti kaleessa halkan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti sa’aa lamaa fi walakkaa dhaa jalqabee hanga halkan walakkaatti uummatni magaalaa fi baadiyyaa walitti-dhufee karaa Finfinnee irraa gara Jabuutii geessu cufuun mormii geggeessaa turuu isaa jiraattonni dubbatanii jiran.

Hiriirriwwan magaalaa Meessoo fi magaalaa Asabootitti geggeessaman ka beekkannaa seeraa hin qabnee fi meeshaalee qabeenyaa caccabsuutti fuuleffate, jechuun ka balaaleffatan, itti-aanaa bulchaan aanaa Meessoo geggeessamuu isaanii garuu hin haalle. Haleellaa qonnaan-bultoota ja’a irratti raaw’atame sana garuu, mootummaan harka keessaa hin qabu, jedhan. Shawaa Lixaa, aanaa Calliyaa, Mana-barnootaa sadarkaa tokkoffaa Lalistuu Biillootti kanneen baratan barattoonni kutaa tokko haga afurii jiran, “otuu dhiigni obboleeyyan keenyaa dhangala’aa jiruu hin barannu” jedhuudhaan, hiriira mormii geggeessanii barnoota dhiisanii deeman, jedhu jiraattonni naannoo.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:15 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG