Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFO: Sababaa Mormii Oromiyaa Keessaatiin Lakkoobsi Namoota Du’anii Gara 85tti Ol Ka’e


Hiirira Mormii, Oromiyaa
Hiirira Mormii, Oromiyaa

Haleellaan, hidhaa fi hiraarsi sababaa mormii Oromiyaa keessaatiin godinaalee adda addaa keessatti geggeessamu ka hammaataa deeme ta’uu dubbatu, jiraattonni, jiraattonnii fi paartiileen mormituu. Barreessaan Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa akka jedhanitti, kanneen filannoo biyyoolessaa dabre irratti paartii isaanii bakka-bu’uudhaan dorgoman – miseensonni isaanii hedduun godinaalee adda addaa irraa hidhamaa jiran.

Hiriirawwan mormii har’a geggeessaman irratti, keessumaa Horro-Guduruu Wallaggaa, aannaa Jimmaa Gannatii, magaalaa Haratoo keessatti, akkasumas, Godinaa Qellem-Wallaggaa, Hawwaa Galaan keessatti hiriirtonni rasaasaan dhawamuu dubbatan, Obbo Beqqeleen.

Kana malees, humnoota mootummaatiin ka doorsisni isaanuma irratti illee geggeessamaa jiru ta’uu ka beeksisan barreessichi Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa, “kaleessa ennaa ani konkolaataa seenu namoonni uffata siivilii uffatan dhufanii, akka hiriirri mormii itti fufu kakaasaa jirtu.

Kanaaf, akeekkachiisa isa dhumaa sitti himuuf dhufne, naan jechuun na doorsisan” jedhan. Mirga uummataa kabajchiisuuf karaa nagaa qabsaa’uu fi hiriira mormii karaa nagaa geggeessamu deggeruun mirga heera biyyattiin kennane waan ta’eef waan yakka jechisiisu akka of irraa hin qabne ka dubbatan, Obbo Beqqeleen, yakka tokko malee nama tokko hidhuu yokan ajjeesuun furmaata ta’uu akka hin dandeenye dubbatu.

Karaan furmaata ta’u, karaa nagaa ta’een gad-taa’anii gaaffii uummataa dhaggeeffachuu fi deebii karaa nagaa kennuu dha, jedhan. Jiraattonni Shawaa Kaaba-lixaa fi Wallagga Lixaas haala naannawa isaanitti mul’atataa jiru, “ka baay’ee yaaddessaa dha” jedhan, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:57 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG