Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Oromiyaa Keessaa fi Hidhaa Jiraattonni Himatan


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Nuunnuu Qumbaa, magaalaa Adaree keessatti bulchiinsi magaalaa fi waajjirri Dhaabbata Dimookiraasummaa Uummata Oromoo jechuun OPDO magaalattii keessaa maqaa misoomaan kaleessa uummata magaalattii walga’ii waamuu isaanii fi dhumni walga’ichaa akka hin se’iinitti gara mormii uummataatti jijjiiramuu isaa dubbatu, jiraattonni magaalattii. Namoonni humnoota mootummaan reebamuu fi har’a magaalattiin hidhattoota mootummaan guuttee ooluu ishee illee dubbatanii jiran.

Godinaa Gujii, aanaa Sabbaa Boruu keessattis, har’a uummatnii fi barattoonni hiriira mormii geggeessan irratti humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin barattoonni toorba hidhamuu, keessumaa barataan Tunnee Gannaalee jedhamu reebicha humnoota mootummaatiin guddoo miidhamuu isaa jiraattonni aanichaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Haraghee Lixaa, aanaa Mi’eessoo magaalaa Asaboot keessatti immoo, hiriira mormii Kamisa torban dabree geggeessame irratti humnoota mootummaa fi hiriirtota gidduutti walitti-bu’insa uumame, akkasumas aangawaan dhimma nageenyaa magaalattii waraanamuu fi qawween irraa fudhatamuu wajjiin wal-qabatee namoonni dhibbaan lakkaawaman hidhaman, jedhu – jiraattonni.

Wallagga Lixaa, aanaa Jaarsoo, magaalaa Gabaa Dafinoo keessattis, “Maaster Pilaanii Finfinnee mormuudhaan hiriira baatan. Dhaadannoolee dhageessistan” jedhamuun kanneen hidhaman – barattoonni 26 Kaleessa mana-murtiitti dhihaachuu isaanii fi miseensonni Kaabinee, Poolisoonnii fi Milishaan aanattii ragaa irratti bahuu isaanii, maatiin barattoota kanaa himataa jiru.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:18 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG