Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Yunivarsitii Adaamaa fi Magaalaa Qobboo Keessatti Geggeessamee fi Tarkaanfii Mootummaa


Hiiriira Mormii, Oromiyaa
Hiiriira Mormii, Oromiyaa

Maaster Pilaanii Finfinnee mormuudhaan ka baatii Sadaasaa keessa Oromiyaa keessatti jalqabame hiriirri mormii har’as, bakkawwan adda addaa, akka Yunivarsitii Adaamaa fi Harargee Bhaa, magaalaa Qobboo keessatti ittuma fufee oole.

Har’a ganama barattoonni Oromoo Yunivarsitii Adaamaa, Maaster Pilaaniii Finfinnee, ka magaalaalee addaa Oromiyaa of jalatti hammata jedhame mormuudhaan hiriira ba’uu isaanii ka dubbatan, barattoonni, humni poolisii itti bobba’ee barattoota garii reebee miidhuu fi hedduu isaanii hidhuu dubbatu. Barattoota hidhaman haga tokko ka maqaa tarreesse barataan sodaa nageenyaaf akka maqaan isaa hin dha’amne gaafate kun, walumaa-galatti barattoota gara dhibbaa fi shantamaa tu hidhame, jedha

Kana malees, barattoonni Oromoo barattoota kaan irraa addatti akka mooraa Yunivarsitichaa keessaa hin baane dhorkamu illee dubbata. Gama biraatiin Hararghee Bahaa, magaalaa Qobboo keessatti jiraattonni naannoo hiriira guddaa geggeessuu isaanii, karawwan gara magaalattiitti seensan haga tokko cufanii ooluu isaanii dubbatu.

Jalqaba irratti poolisoonni Oromiyaa akka uummatni mormii isaa karaa nagaa geggeeffatu itti dhiisan iyyuu, humnoonni federaalaa dhufanii reebichaa fi qawwee dhukaasuun hiriiricha adda facaasuu isaanii, jiraataan naanawa sanaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsee jira.

Gama kaaniin Bulchiinsa Naannoo Kibbaa keessatti kan argamu – Yunivarsitii Diillaa keessatti eega torban dabre keessa boombiin dhoosamee lubbuu namaa galaafatee booda, du’insi barattootaa bifa adda addaan waan itti fufeef, akkasumas, haala hag ammaatti hin beekamiinin gamoon ciisichaa barattootaa tokko waan gubateef, akkasumas, eegumsi nageenyaa Yunivarsitichaa amansiisaa ta’uu waam dhabeef, barattoonni hedduun moraa gad-lakkisanii ba’uun ka gara warreen isaaniitti deebi’uuf carraaqaa jiran ta’uu dubbataa jiru barattonni.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:41 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG