Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Ummannii fudhachuu baannaan master pilaaniin kun ni hafa," mootummaa naannoo Oromiyaa


alaabaa mootummaa Oromiyaa
alaabaa mootummaa Oromiyaa

Karoora Maaster pilaanii Finffinnee laalchisee gaafileen ummataa deebii odoo hin arggatin gara hojiitti akka hin seenamne angaa’onni mootummaa naannoo Oromiyaa dubbachumatti jiran.

Gabaasa guutuun kunooti.
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:18 0:00
Xurree marsariitii

Bareessan Federaalistii Oromoo Obboo Baqqalaa Nagaa garuu dubbii isaanii keessa wannii haaraan hin jiru jedhan.

Afyaa’ii mana maree Itoophiyaa, Obboo Abbaa-Duulaa Gammadaa ibsa TV Itoophiyaa irratti kennaniin, ummanni hin fudhadhu jennaan hin hafa, na fayyada jedhee yoo amane immoo hojiirra oola jechuun mirkansanii dubbatan.

“Amalli mootumma fi dhaaba keenyas kanuma agarsiisa, waan guddaa akka master pilaanii ummatii na hin fayyady jedhee mormaa jiru kana dhiisitoo waanuma kaan faayidaa umaataf ta’u hundi kan hojiirra oluu yoo umati itti amanee qofa. Dhimmi maasteer pilaanii kun hojjii baayyen kan isa hafuufi waan taheef yaa bulu jedhame. Ajandaa waan ta’eef garuu ummata irratti mari’achiisuun itti fufa.”

Karaa biraatiin, Iskindir Firewu Finffinnee irraa gabaasa ergeen, perezidaantiin motumma naannoo Oromiyaa,Obboo Muktaar ergaa mormiin tibbana kana ka’ee yeroo duraatiif gaazexeessitota biyya keessaaf ibsa kennaniin ummata wajjiin waliigalteerra odoo hin gahin master pilaaniin kun hojiirra akka hin oolu jedhan jedha.

“Karooraa fi qabiyyee isaa irratti akka waliigalaatti walii galteerra odoo hin gahin gara hojjiitti hin seenamu, Mootumman naannoo Oromiyaas odoo gaafii ummataa arguu akka hin agarree utaalee hojjitti waan seenus miti. Kana ummata keenyaaf ifa gochuu barbaadna. Dhimma kanaratti ibsaa fi mariin yeroon godhamuu dhabuusa itti ammana. Kun immoo dhaabilee farra ummataa ta’aniif karaa baneera.”

Barreesaan Kongireesii Federaalistii Oromoo Obboo Baqalaa Nagaa ammoo ibsa angga’onni lamaan kennaniin akkana jechuun Meleskaachoo Ammahaaf deebii kennaniin:

“Marii ummata wajjiin gochuu yaadan kun gaari ta’ee, eenyu akka mariisisan garuu ifa ta’u qaba. Ummata pilaaniin kun lafa isaa irraa buqqisuu fi beektota mari’achiisuu qabu. Amansiisuu jedhanii dubbatu. Amansiisuun kun maali? Eenyu amansiisan? Miseensota dhaaba isaanii qofa miidiyaa irratti dhiheessuun bu’aa hin fidu.Namoonni waan kana duuba jiran namoota lafa kana barbaadaani fi hojiirra akka oluus bareengaddaa dubbachaa turani. Isaan bahanii ummatatti dubbatan malee Abbaa-Duulaa fi Muktaar jedhaniidhaaf hojiirra akka hin olle ummanni Itoophiyaas, ummanni Oromoos in beeka.”

Angaa’onni mootummaa Oromiyaa kana dura dhimma kana laalchisee ibsa kennaniin mormii fi jeequmsa Oromiyaa keessatti ka’e kanaaf kan itti gaafatamu dhaabbillee akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Ginbot 7 jedhan.

Mormii kana irratti lubbuun namootaa baduu fi namii hedduun madaahuun beekamaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG