Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii fi Barattoonni Ajjeefamuun Oromiyaa Keessatti Itti Fufe Jedhu Mormitoonni


Wallagga Lixaa fi Shawaa Kibba-lixaa keessatti mormiin itti fufuu isaa fi lubbuun dhabamuu jiraattonni naannoo fi hoogganoonni paartilee mormituu dubbataa jiru. Akka jiraattonni fi hoogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanitti, guyyaa har’aa jechuun, Mudde 3, bara 2015 hiriirri mormii godinaa Wallagga Lixaa magaalaalee Gidaamii, Ayiraa fi Boojjii Birmajii keessatti geggeessamee jira.

Godinaa Shawaa Kibba-Lixaa, aanaa Tolee, magaalaa Baantuu keessatti hiira barattoonni sadarkaa lammaffaa geggeessan irratti poolisiin dhukaasa banuun barataa Dajanee Sarbeessaa jedhamu ajjeesuu isaa fi barattoota ka biroo madeessuu – Godinichatti, hoogganaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Gabre-mikaa’el Dhaabaa ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin beeksisanii jiran.

Wallagga Lixaa, aanaa Gullisoo, Mana-barnootaa Qophaa’inaa Calliyaa bakka kaleessa barataan kutaa kudha-lammaffaa Guutuu Abarraa itti rasaasaan ajjeesametti, barataan ka biraan madaa’e Hospitaala Ayiraa geessamee ture, Kennasaa Caalaa har’a ganama du’uu isaa jiraattonni naannoo beeksisanii jiran. Oduuwwan guyyaa har’aa dhaga’aman kanaaf Koomishina Poolsii Oromiyaa irraa deebii argachuuf deddeebisnee bilbillee iyyuu itti hin milkoofne.

Kaleessa garuu, sadarkaa Koomishinaraatti Abbaa Deemsa Hojii fi Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa, Salamoon Taaddesee, dhimmoota mormii barattootaa fi deebii gama mootummaa irratti bal’inaan kan haasofsiisne kutaa lammataa qaba.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:08 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG