Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Ganjii, Amuru, Naqamtee fi Gimbii Keessaa fi Tarkaanfii Humnoota Mootummaa


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Maaster Pilaanii Finfinnee mormuun baatii Sadaasaa keessa jalqabee haga ammaatti itti fufee jiru mormii Oromiyaa keessaaa dhaabsisuuf, tarkaanfiin humnoota poolsii Federaalaa fi waraana mootummaan fudhatamu hammaachuu isaa, jiraattonni magaalaalee adda addaa har’a dubbataa jiran.

Godiaa Wallaggaa Lixaa, aanaa Ganjii, magaalaa Ganjii keessatti reebichi kaleessaa kaasee humnoota mootummaatiin irratti geggeessamaa jiru suukanneessaa isaa ta’uu kan imimmaaniin hudhamaa dubbate, jiraattota magaalattii keessaa tokko “kaleessa barattoonni kutaa kudha-tokkoffaa fi kudha-lammaffaa, ka mana-barnootaa qophaa’inaa, kanneen kutaa sagalii fi kudhaniis hiriira mormii ba’anii jennaan, bulchaan aanichaa waraana itti ajajee waraanni konkolaataa lamatti dhufee barattoota irratti dhukaasa bane” jedhan.

Bulchaan magaalaa Ganjii, Obbbo Taammenee Abdiisaa immoo, “poolisoonni tarkaanfii fudhachuun isaanii, barattoonni waan jeeqanii mana-barnootaattis dhagaa darbataniif jecha. Barattoonni WBO faarsaa turan, ABO faarsaa turan. Kun immoo, akka heera mootummaatti dhaaba shororkeessummaatti farrajame.” Jedhan.

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessattis kaleessa humnoonni mootummaa barattoota mormii kaasan reebanii cabbabsuudhaan, kanneen reebichaan madaawanis gara mana wal’aansa fayyaa geessuu irraa gara mana hidhaatti geessan, jedhan jiraattonni Amuruu.

Wallgga Bahaa, magaalaa Naqamtee keessattis, har’a humnoonni poolisii federaalaa fi loltoonni mootummaa, barattoota Mana-barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Qophaa’inaa reebanii, barattoota danuu madeessuu isaanii, jiraataan magaalaa sanaa nuuf ibsee jira.

Magaalaa Gimbii keessatti, hiriira mormii barattoonni sadarkaa lammaffaa kaasan humnoonni mootummaa facaasuu yaalan iyyuu, karaa adda addaa cabsatanii ba’uudhaan ka mormii isaanii dhageessisaa turan ta’uu, jiraattonni nuuf ibsanii jiran.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:49 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG