Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira mormii Oromiyaarratti Har’a Qofa Gara 12-tu Ajjeesame, Jedha KFO. Dubbi-himaan Mootummaa Garuu Eeguma Mormiin Jalqabeeyyuu 5-tu Du’e, Jehan


Hiirira Mormii
Hiirira Mormii

Barreessaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa fi Jiraattonni magaalaalee Oromiyaa adda addaa akka jedhanitti hiriirri mormii har’a illee itti fufee oole.

please wait

No media source currently available

0:00 0:19:05 0:00
Xurree marsariitii

Humnoonni mootummaa hiriiricha facaasuuf yokaan ukkaamsuuf tarkaanfii fudhataniin namoota kudhanii ol tu ajjeesame. Wallagga Lixaa, Qilxuu Kaarraa keessatti poolisiin loltuu federaalaa ajjeesuu isaa fi magaalaa xiqqoo Maqa-Najjoo jedhamtu keessatti immoo, barataan tokko ajjeesamuu isaa irraa humnoota federaalaa fi hiriirtota gidduutti walitti-bu’insa uumameen loltuun federaalaa tokko qonnaan-bulaan ajjeesamuu gabaasaa argannee jirra – jedhu – Obbo Beqqeleen. Jiraataan maagaalaa Najjoos haleelamuu “loltuu Agaazii” jedhe kana dubbatee jira.

Hararghee Bahaa, magaalaa Awadaay keessatti yoo xiqqaate namoonni afur ajjeesamuu, Shawaa Lixaa, Dandii keessatti namoonni sadii ajjeesamuu fi Dambi Doolloo keessatti namni tokko ajjeesamuu, jiraattonnii fi barreessichi Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Shawaa Lixaa, aanaa Mettaa-Roobii keessatti hiriira Har’a geggeessame irratti hojjetoonni mootummaa, dura-taa’aan bulchiisaa fi kaabineen hiriirtotatti makamuudhaan, mormii karaa nagaa gegggeessamutti hirmaachuuf waadaa seenanii jiran, jedhu, jiraataan Mettaa Roobii fi Obbo Beqqeleen.

Gama biraatiin, Ministerii koominikeeshiinii Itoophiyaa, obbo Geetaachoo Reddaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, kutaa Afaan Amhaaraaf gaaffii fi deebii kennaniin “waa’een Maaster Pilaanii waan hin galiiniif gaafachuuf hiriirri bahe, amma gab jedhee, garii gara barnootaatti deebi’anii jiran” jedhan. Kanneen qaawwaa kanatti fayyadamuun jeeqama guddaa kaasuu fi badii geessisuuf deeman tu jira, jedhu, Obbo Getaachoon.

Hiriira kanaan wal-qabatee haga mootummaan beekutti haga ammaatti namoota shan tu du’e illee jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG