Xurree ittiin seenan

Breaking News

Simpooziyemii Addaa Mormii Oromiyaa Keessaatti Fuuleffate


Simpooziyemii Addaa Waldaa Qorannoo Oromootin Qophaahe
Simpooziyemii Addaa Waldaa Qorannoo Oromootin Qophaahe

Waldaan qorannoo Oromoo OSAn sambata darbe jechuun Amajjjii 16 bara 2016 simpooziumii tokko magaalaa Waashington keessa kan jiru galma Ethical Society jedhamu keessatti geggeessee jira.

Wal ga’ii kana irratti hayyoonni Oromoo iddoo garaa garaa irraa dhufan qorannaalee kan dhiyeessan yoo ta’u karaa Skype fageenya irraa kan itti hirmaatan illee jiru turan.

Walakkiissa baatii Sadaasa darbee kaasee Oromiyaa keessatti mormii Mastar Plaaniin jalqabame dhabamuu lubbuu namoota hedduuf hidhamuu akkasumas miidhaa adda addaa humnootii mooutummaan geessisuun isaa sun durii kaasee jalqabbiin seenaa isaa lafa qabachuu wajjin akka ta’ee fi siyaasi Itiyoopiyaa keessaa maal akka fakkaaqu qorannaalee mata duree adda addaan qophaa’antu uummataaf ibsame.

Keessummoota simatanii haasaa jalqabaa kan dhageessisan prezidaantiin waldaa qorannoo Oromoo ykn OSA Doktor Heenook Gabbisaa akka jedhanitti Maastar Plaaniin Finfinnee akka dhaabbatu ykn rarra’ee akka turu murtaa’uu isaa akka injifannootti kan laka’an yoo jiraatan waan uummati Oromoo gaafataa jiru irratti hubannaan qaban fagoo irra akka jiru agarsiisa jedhan. Barbaachisummaa Sympooziumii kanaas ibsaniiru.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG