Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFO:Hidhamtootii Oromoo Nyaata Lagachuun Guyyaa Shaniif Mormii Irra Turan


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Mana hidhaa Maakalaawwii keessa kan jiran hogganni Kongreesii Federaalawaa Oromoo fi kanneen biroon haala hidhaa keessatti itti qabamanii jiran mormuuf jecha guyyaa shaniif nyata lagatanii jiran.Sababaa nyaata dhaabuu kanaaf kanneen miidhaman wal’ansaaf geeffamuun ibsamee jira.

Itti anaa dura ta’an KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu Raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti nyaata kanneen lagatan saddeettamii tokko ta’u isaanii fi kanneen gara yaalaatti geessaman soddomii tokko ta’u ibsan. Maatiin akka naa ibsanti jedhu Obbo Mulaatuun Obbo Baqqalaa Garbaa dhukkubsatee jira.Maatiin isaa Dilbata kaleessaa daqiiqaa shaniif kan arguu danda’an yoo ta’u har’a garu yeroo dhaqan arguu hin dandeeye jedhu.

Gama kaaniin Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haaylee Maariyaam Dassaaleeny torbanneen hanga tokko dura paarlaamaa biyya isaaniif akka ibsanti rakkoo Oromiyaa keessatti dhalateef ittiin ka’uumsi dhabamuu bulchiinsa gaarii ta’u dubbachuun kanaafis mootummaan itti gaafatama isaa akka fudhatu kan beeksiisan ta’uus fallaa Sanaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti haala ammaan dura mul’atee hin beekneen hedduminaan hidhuu fi eessa butee dhabamsisuun akka hammaate ibsamee jira

Gabaasaa Guutuu Dhaggefadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:07 0:00
Xurree marsariitii


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG