Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Namoonni Hidhamanii Mana Murtii Duratti Hin Dhiyaatin Maakelaawii fi waajiira Polisii Finfinnee Keessa Hedduutu Jira"


Mormii Oromiyaa keessatti baatilee dhiyeenya kanaa keessa gaggeeffamee waliin wal qabatee namoota hidhaman hedduuf abukaatoo seeraa ta’uun kan dhaabataa jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa Kibxata Ebla 26 bara 2016 qofa Oromoota jaatamii sagaliif dhaabachuu isaanii dubbatan.

Namooti himannaan irratti dhiyaate saddettamii shan of harkaa akka qabanii fi Himati irratti dhiyaatu wal fakkaataa akkasumas garee gareen qodamanii galmee tokko jalatti waan himatamaniif jecha falmuun hagas mara rakkisaa miti jedhu.

Himannaan dhiyaatees kan shoroorkeessummaa fi kan yakkaa jedhamee qodamuu isaa fi waluumaa gala namoota dhibba tokkoo fi shaniif dhaabataa akka jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa ibsanii jiran.

Isaanis kanneen galmee Obbo Baqqalaa Garbaa jalatti himataman digdamii lama, barattoota univarsitii Finfinnee fi Madda walaabuu soddomii tokko, naannoo Bolee Bulbulaa irraa nama soddomii sadii, Amboo fi naannoo isheetii kudha ja’a akkasumas Amboo irraa dabalataan kanneen biroon digdamni akka jiran dubbatu. Kana malees barattoota Ynivarsitii Finfinnee kanneen Embaasii Yunaaytiid Isteetes isa Finfinnee keessaa duratti hiriiran ehama malee hiriiran himati jedhu irratti dhiyaachuun ibsamee jira.

Mana hidhaa Maakalaawii fi waajiira polisii Finfinnee keessatti kan hidhaman garuu mana murtitti kanneen hin dhiyaatiin danuu ta’uu kan ibsan Obbo Wandimmuun Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii kan fidaman waan ta’eef jecha maatiin isaanii eessa akka jiran hin beekan jedhu.

Hidhamtoonni akkasiis abukaatoo dhaabatuuf argachuu hin danda’an kanaaf ituu hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf achi keessa jiru jedhan. Kanaaf maatiin hidhamtootaas ta’e kanneen hidhaa keessa jiran carraaqqii gochuun abukaatootti ykn karaa qaama fedheen haala jiru dhaamsa dabrsuu yoo danda’an nuti faana bunee mana murtiitti haala isaa iyyachuu dandeenya jedhu.

Guyyaa har’aa, Ebla 2, bara 2016 gara mana hidhaa Qilinxootti deemanii kanneen guyyoota darban afuriif dukkana keessatti hidhamnee turre jechuun mana murtiitti himatan Arfan araganii kutaa dukkanaa keessaa baafamuu isaanii naaf ibsanii jiru jedhu Obbo Wandimmuun.

Gaaffii fi deebii guutuu armaa gadiitti caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:27 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG