Dilbata kaleessaa walakkeessi halkanii ga’uuf daqiiqaa 25 wayita hafu uummati prezidaant Obaman oduu uummati america waggoota kudhan ta’uuf eegaa turan ifa taasisan.
President Obaman akka jedhanitti hoogganaa al-Qaidaa fi shororkeessaa lubbuu uummata kurna kumaan laka’amuuf itti gaafatamaa ta’e Osamaa Bin Laadeen duula American geggeessiteen ajjeefamuu isaa uummata Amerikaa fi kan addunyaaf nan labsa jedhan.
Osamaa bin ldeen Fulbaana 11, bara 2001 erga haleellaa al-Qaidaan uummata Amerikaa irraan ga’een namoonni kuma sadii ol ta’ani dhumanii as shororkeessaa akkaan barbaadamu ture.
Mr. Obamaan akka jedhanitti bin Laandeen eessa akka jiru odeeffannoon kan isaan dhaqqabe baatii Hagayya darbee ture. Hoogganaan shororkeessotaa kun keellaa Abbottabad Paakistaan keessa jiru keessa dhokatee ture.
Torban darbes Osamaa bin Laaden qabamee fuula murtiitti akka dhiyaatu ajajauu isaanii presidentichi beeksisan.
Mr. Obamaan akka jedhanitti gurmuu lammiiwwan Amerikaa xiqqootu dilbata darbe keellaa sana seenuun duula kana geggeesse.
Dukaasi erga geggeessamee booda Osama bin Ladeeniin ajjeesanii reeffa isaa fuudhan.
Al Qaidaan United States irratti haleellaa oofu kan itti fufu ta’uu isaa fi uummati Amerikaa dammaqinaan akka turu prezidentichi akeekkachiisaniiru