Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paakistaan Daangaa Afgaanistaan Waliin Qabdu Irratti Dallaa Ijaartu Itti Fufte


Paakistaan daangaa Afgaanistaan waliin jiru irratti ijaaraa kan jirtu dallaa fi ijaarsi haaraan dhiyeenya walitti bu’iinsi biyyoota lamaan gidduu walitti bu’iinsi lubbuu galaafate raawwatamus haala gaariin deemaa jira.

Tattaaffiin waraanaan geggeessamu kan ijaarsa daangaa km 2,611f eegumsa akka shororkeessonni gama biyyattiitti hin seenne eeguuf ijaarmaa jiru bara 2017 keessa jalqabame.

Keellaan eegumsaa daangaa irraa haaraan 150 ta’an ijaarame ta’uu isaaf kaan immoo bara 2019tti kan xumuramuuf jiru ta’uu angawoonni beeksisaniiru.

Angawoonni Afgaanistan karoora kana mormuu dhaan daangaa bara koloneeffattummaa Briteen bara 1893 kan rakkoo adda addummaa gosa Pastun waliin jiru hammeessa jedhan.

Angawaan naga eegumsa Pakistan VOAf akka ibsanitti ijaarsi kun irratti mari’atamaa ture. Paartilee mara jechuun US fi Afgaanistaaniin dabalatee qindoominaan irratti mariatame jedhan. Islaamabaad karoorri ijaarsaa kun doolaara miliyoona dhibbaan laka’amu kan fixu ennaa ta’u leellistoonni seeraan ala daangaa lamaan cabsanii akka hin sossoone dhaabsisa jettee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG