Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paakistaan Hariiroo Ameerikaa Waliin Jiru Irra Deebi’een Xiinxala Jette


Pirezdaantii Paakistaan Hasan Rouhaani
Pirezdaantii Paakistaan Hasan Rouhaani

Hariiroo US waliin qabduu fi kan hammaataa dhufte irra deebistee kan xiinxaltu ta’uu Paakistaan beeksistee jirti. Kunis loltoota Ameerikaa kanneen Afgaanistaan keessa jiraniif lootee seentota waliin wal waraanaa jiraniif daandii meeshaan itti darbu addaan akka citu sababaa ta’aa jira.

Ministeerri dhimma alaa Khurram Dastgir Khan VOAf ibsa kan kennan kennan gamtaan wal taatota sadarkaa addunyaa waamicha bulchiina prezidaant Traampiin Paakistaaniin toora biyyoota shororkeessummaa deggeran irra uttu hin kaa’in guyyaa tokko dura ture. Tarkaanfiin kun immoo dinagdee paakistaan jeequu mala jedhameera.

Kan Paaris keessa maadheffate Financial Action Task Force ykn FATF kan jedhamu gurmuun kun baatii Guraandhalaa keessa Pakistaniin toora kana keessa galchuuf murteessuu dhaan shorokeessummaan maallaqaan akka hin deggeramne ga’aa hin hojjenne jechuun qeeqe.

Islaamabaad gareelee shorokeessotaa deggera himannaa jedhu haaluu dhaan walitti bu’iinsa Afgaanistaan keessaa dhabsisuu dhabuu sadarkaa addunyaaf Paakistaaniin komachuuf jecha tarsiimoo dhiibbaa US keessu jechuu dhaan himannaa sana fudhatama dhabsiisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG