Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Faransaay KOOVID -19 Irratti Seera Haaraa Raggaasisee Jira 


(suuraa faayilii)

Fransaayii keessatti hojjattonni tajaaliilaa eegumsa fayyaa talaalii KOOVIID-19 ittisu fudhachuu dirqama akka ta’u akkasumas, ragaan kana tajaajiila hawaasaa keessatti agrsisuu akka qaban paarlaamaa Faransaayii seera raggaasisee jira.

Seera ta’e fudhatamuuf mana murtii heeraan raggaatii argachii qaba.Biyyattiin weerara vaayrasichaa marssa 4ffaan rakkataa yeroo jirtutti kun labsame.

Namoonni Muziyamii daw’atan, manneen sinimaa ykn lafa daakaa bishaanii deeman Faransaayii keessatti raga talaalamuu isaanii agarsiisuu hin qaban taanaan akkasumas vaayrasichaa akka hin qabamnee ragaa qorannoo hin qaban taanaan, akka hin seennee ittisuun gaggeffamaa kan jiru yoo ta’u , kunis iddoo uummanni itti hedduumaatu ykn sirnii ayyaaneeffannaa gaggesffamuuttis hojii irra olaa jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG