Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Badhaadhinaa fi ABUT Marii Siyaasaa Jalqabuuf Waliigalan


FAAYILII - Meeshaa waraanaa cabaa karaarra jiru, Guraandhala 25, 2022.
FAAYILII - Meeshaa waraanaa cabaa karaarra jiru, Guraandhala 25, 2022.

Paartiin Badhaadhinaa fi Addi Bilisummaa uummata Tigraay(ABUT) marii siyaasaa jalqabuuf walii galuu isaanii ABUT beeksisee jira. Kanas kan beeksisee itti aanaa prezidaantii paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa mummicha ministeeraatti itti gaafatamaa gidduu gala ijaarsa sirna Deemookraasii kan ta’an Obbo Adam Faaraan jila durfamee waliin Maqalee keessatti marii gaggeessan ittiin ka’uumsa gochuun ture.

Paartileen lameen marii siyaasaa jalqabuuf murtiin irra ga’uun deemsa duubatti harkiifatee dha kan jedhan xiinxaltonni sagaleen Amerikaa dubbisee, kan silaa jalqabamuu qabuus akka walii galtee pritoriyaa irra ka’amee sanatti mootummaan Feedeeraalaa fi ABUT giddutti ta’u qaba ture jedhu. Waliigalteen nageenyaa kan Pritoriyaa keeyyata siyaasaa 10 irratti akka jedhutti ABUT shoroorkeessaa jedhamee ramadamuun isaa erga irraa kaafamee torban tokko booda gareelee waliigaltee mallatteessan giddutti mariin siyaasaa jalqabama jedha.

Dhimma kanaa fi dhimmoota kanatti hidhata qaban ka biroof paartiilee ABUT, Badhaadhinaa fi Mootummaaa Feedeeraalaa biraa deebii argachuuf yaaliin taasiifne ammaaf milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG