Pirezidaanti Tiraampi torbaan tokko keessatti bara hujii fixate.Paartiin Demokiraati pirezidaanti Tiraampi waajjira kongireesii Amerikaatti hiriira yaame qabeenna balleessee seeraa guddaa cabse jedhanii himachuutti jiran. Wannii himatniin kun impeachment jedhan. Nama biiroo mootummaa guddoo keessa hojjatu seera base himatan.
Pirezidaanti Tiraampi tana waliin marroo lama seera cabsuun kongireesiin himate.Tiraampi waan himataniin kana yaayyuu mormate.
Paartii Rippaabilikaanii fi Demokriaati keessaa nama hedduutti akka pirezdaanti Tiraampi hujii irraa buusan itti wal gargaaruutit jiraa seeraa itti qixeeffchuuf falachuutit jiranillee.
Demokiraatotii pirezidaanti Tiraampitti akka deeggartootii isaa Capitol Hill dhaqanii lafa jeeqan tolche jedhanii himatan
Miseensotii mana marii Amerikaa harka paartii Demokriaotota jiru ammaan tanaayyuu karaa pireizdaantiin ammallee himatanii karaa guyyaa diqqaa hafetti hujii irraa buusuu dandahaniin irratti marii jiranii waahellaa itti barbaadachuutti jiran.
Gama kaaiin ammoo Amerikaan warra torbaan dabre keessa Capitol Hill ykn kongireessii Amerikaa duudee caaccabse barbaaddee qaqqabuutti jirti akka kanaan haga amma anama 70 wanjalaan himachuutti jirti.
Haga ammaatti warra balleessaa sun keessa jiru nama 170 beekan barbaadatti jiran.
Jarii deeggarsa pirezidaantii Tiraampii fi lubbuun namaa harka isaaniitit baatee qabeenna hedduu baleesse barbaadutti jiran laakkuma guyyaa bulee kahuun walti guuraa deemaan dhiba hedduu tahuuf deema.