Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Ibiddaa fi Cidii Ta’an Walitti Makamuu Hin Danda’an:ABUT


Ibsi Bahe Qaama Jijjiiramni Itti Dhufee fi Uummata Bakka Hin Buuneetu Baase: Mootummaa

Koreen Giddu-galeessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan HIWEHAAT, kora isaa guyyoota toorbaaf geggeesse xumuratee ibsa baasee jira. “Paartiin ibiddaa fi cidii ta’an walitti makamuu hin danda’an. Yoo walitti makamanis ADWUI yokaan IHADEGn diiguu irra taree biyyattiillee diiga,” jedha – Ibsi Koreen Giddu-galeessaa HIWEHAAT baase kun.

Gama biraatiin Waajira Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaatti Itti-gaafatamaan Preesii Obbo Nigusuu Xilaahuun ibsa HIWEHAAT kana ilaalchisuun ibsa kennaniin “ibsi bahe sun qaama jijjiiramni dhufeef irraa otuu hin taane qaama jijjiiramni itti dhufe – kan uummata bakka hin buune irraa ti. Sababaan isaa gurmuun ibsa sana baase jjjiirama sana irraa kan ka’e dantaan irraa cite jiraachuu isaa fi xuuriin sun akka deebi’u hawwuu isaa agarsiisa,” jedhanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG